Tamsaasa Kallatti:

Waajjirri ministira muummee dhaabbilee pirojektii gabataa dhalootaaf deeggarsa maallaqaa taasisan galateeffate

Bitootessa 28/2015 (TOI) - Waajjirri ministira muummee dhaabbilee pirojektii gabataa dhalootaaf deeggarsa maallaqaa birrii biiliyoona 1 tuqaa 2 jalqabee taasisan galateeffate.

Waajjirichi odeeffannoo fuula marsariitiisaarratti baaseen “waamicha gabataa dhalootaaf jedhu waan fudhattaniif, Itiyoophiyaa dhaloota dhufu madaaltu ijaaruuf qooda keessan waan bahattaniif nigalateeffanna” jedheera.

Waajjirichi dhaabbileen marsaa lammaffaan ifoomse Fiibeellaa Industiriyaal Pi El sii birrii miiliyoona 40 yemmuu deeggaru, warshaan qorqoorroo Adaamaa, Korporeeshiniin naashinaal oyil, korporeeshiniin motor injiinariing Itiyoophiyaa fi waldaan aksiyoonaa naashinaal simintoo tokkoon tokkoonsaanii birrii miiliyoona 30 deeggaruunsaanii ibsameera.

Kana malees Baqqalaa Laggasee Karranaa fi Ageru Abberee tokkoon tokkoonsaanii birrii miiliyoona 20 wayita deeggaran dhaabbanni konistiraakshinii Oviid birrii miiliyoona 15 akkasumas Yaadataa Junayiddii Bakirii birrii miiliyoona 12 tuqaa 5 deeggaraniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015