Ji'a Eblaa roobni gahaan yeroo arfaasaa darban lamaan caalaa fooyya'aan ni jiraata- Inistiitiyuutii Meetiroolojii Itoophiyaa. - ENA Afaan Oromoo
Ji'a Eblaa roobni gahaan yeroo arfaasaa darban lamaan caalaa fooyya'aan ni jiraata- Inistiitiyuutii Meetiroolojii Itoophiyaa.

Bitootessa 26/2015 (TOI): - Ji'a Eblaa roobni gahaan yeroo arfaasaa darban lamaan caalaa fooyya'aan akka jiraatu Inistiitiyuutii Meetiroolojii Itoophiyaa beeksise.
Inistiitiyutichi rooba cimaa naannoo tokko tokkotti roobaa jiruun lolaan cimaan tasa uumamuu danda’u lubbuufi qabeenyarraan miidhaa akka hin geessisneef of eeggannoo gochuun akka barbaachisu hubachiiseera.
Inistiitiyuutichi ibsa TOI'f ergeen, naannoowwan rooba arfaasaa argatanitti roobni gahaafi qilleensi jidhaan fooyyee qabu kan jiraatu ta'uu eereera.
Kanaaf ji'a Eblaa dhufe keessa roobni gahaa kan ji'oota arfaasaa darban lamaan caalaa fooyyee qabu kan roobuu ta'uu beeksiseera.
Baatii Bitootessaa jalqaba irraa eegalee midhaan facaafameefi biqiltuuwwaan sadarkaa guddina adda addaa qabaniif haalli qilleensa mijataa ta'e kan jiraatu ta'uu Instiititiyutichi beeksiseera.
Haalli qilleensaa ji’a Eblaa dhufu kibbaafi kibba bahaa biyyatti akkasuma naannaa qilleensa baddaa qabanitti jiru midhaan facaafamuufi akkasuma beelladootaafi nyaataafi bishaan dhugaatii dhiheessuuf haala mijataa kan uumu ta'uu ibseera.
Akkasumas qonnaan bultoonni sababoota adda addaatiin waqtii Arfaasaa boodaatti hafanii qonna eegalaniifi midhaan yeroo dheeraa turu facaasuuf qophiirraa jiran haalli qilleensa mijataa waan jiruuf qophii barbaachisaa akka gadhaan Instiititiyutichi hubachiiseera.
Inistiitiyuutichi rooba waqtii arfaasa amala isaan jijjiramaa ta'eerraa kan ka'e ji'icha keessa yeroon bokkaan hin jirree guyyootaaf walitti aansee akka jirachuu danda'u raagni haala qilleensaa akka agarsiisuu eerera.
Gama biraatiin naannoolee tokko tokkotti keessumaa kutaalee kaaba bahaa, giddu galeessaafi kibba biyyattiitti roobni cimaan roobuu akka danda’u raagni qilleensaa jiru kun ni mul'isa jedheera.
Kanaaf naannoowwan kanneenitti lolaa cimaan tasa uumamuu waan danda'uuf hojiin dursanii ittisuu akka hojjetamu hubachiiseera.
Jiidhina walitti fufiinsa jiraaturraa kan ka'ee ooyiruu keessa bishaan akka hin ciisnees maloonni dursanii hojiirra ooluu qaban akka hojjetama hubachiiseera.
Haaluma walfakkaatuun waqtiin kun hidhi, lageen fi qaamoleen bishaanii biroo bishaan kuufamaa keessa jiran kanneen rooba arfaasaa irraa fayyadamoo ta’an sadarkaa bishaan fooyya’aa akka argatan kan taasisu ta’uu eerera.