‘Barsiisummaan oogummaa kabajamaa dhaloota beekumsaafi dandeettii gonfachiisudha’. Pireezidaanti Shimallis Abdiisaa

344

Bitootessa 23/2015(TOI) - Barsiisummaan oogummaa kabajamaa dhaloota beekumsaafi dandeettii gonfachiisudha  jedhan, Pireezidaantiin Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo  Shimallis Abdiisaa guyyaa kabaja barsiisotaa ilaalchisuun ergaa dabarsaniin.

Iccitiin qaroomina addunyaafi milkaa'ina biyyoota dureeyyii xiyyeeffannoo barnootaaf kennan ta'uu wal nama hin gaafachiisu. Barnoota babal'isuu, qulqullina isaa mirkaneessuu dandeettii barsiisotaa cimsuufi kabaja ogummaa barsiisummaa guddisuun badhaadhina biyya keenyaa milkeessuu keessatti gahee olaanaa qabaata.

Babal'inaafi qulqullinni barnootaa Naannoo keenyaa sadarkaa har'a irra jiru gahuuf daandii dheeraa kan deemame yoo ta'u qaamonniifi qooda fudhattoonni hedduun aarsaa kaffalaniiru.

Qaamota kanneen keessaa abbaa bu'uura oogummaa hundaa kan ta'an barsiisonni keenya ammoo gumaacha adda durummaafi seenaan hin daganne bahaniiru.

Barsiisonni Naannoo keenyaa aarsaa qaalii kaffaluun dheebuu barnootaa uummanni Naannoo keenyaa yeroo dheeraaf qabaachaa ture deebisuuf dirqama dachaa bahachaa akka turaniifi jiran eenyu jalaa kan dhokatu miti.

Kunis, gama tokkoon sirnoonni duraan turan uummata keenya barnoota irraa dhiibuun dukkana wallaalummaa keessatti akka hafuuf hojjetaa turan injifachuun uummata keenya beekumsa gonfachiisuu danda'aniiru.

Gama biraan ammoo bakka haalli mijataa hin jirre hundatti   haalli naaf mijachuu qaba osoo hin jedhiin lammiisaanii qaruuf aarsaa kaffaluun dirqamni barsiisonni keenya bahachaa turaniifi jiran daran guddaadha.

Aarsaan barsiisonni keenya kaffalaa turaniifi dirqamni lammummaa isaan bahachaa jiran dhaloota baratee har'a Oromiyaa fi biyya ijaaraa jiru kana uumuu danda'ee waan jiruuf hunda keenya kan boonsu yoo ta'u Mootummaan Naannoo Oromiyaas barsiisota keenyaaf kabaja guddaa qaba.

Barsiisummaan ogummaa kabajamaa akka biyya keenyaatti qofa osoo hin taanee akkuma addunyaattuu ogummaa doofummaa balleessuun dhaloota beekumsa gonfachiisudha.

Barsiisaafi ogummaa barsiisummaaf kabaja barbaachisu kennuun doofummaa dhabamsiisuun dhaloota beekumsa gonfatee rakkoo uummata isaa furuu danda'u uumuuf murteessaadha.

Kanaaf akka Naannoo keenyaatti mata duree “Barsiisummaan Haadhoo Ogummaa Hundaati” jedhuun Torban kabaja Barsiisaa kabajamaa kan jiruuf. 

Naannoo keenya keessatti waggoottan darban keessatti hojii waliin gahinsa barnootaa mirkaneessuuf hojjetame keessatti qoodni barsiisonni keenya bahachaa turan salphaa miti.

Har'as dhaloota ga'umsa, ofitti amanamummaa qabuufi abdii egeree biyyaa ta'e uumuuf hojii qulqullina barnootaa mirkaneessuuf Mootummaan Naannoo Oromiyaa xiyyeeffannoo olaanaan hojjechaa jiru keessatti barsiisonni gahee adda durummaa isaanii cimsanii akka itti fufan dhaamuun barbaada.

Barsiisonni jijjiirama biyya keenyatti dhufe keessatti karaa tokkoon dhaloota dammaqaa jijjiirama fedhu barsiisuun karaa biraan sirni wal-qixxummaafi obbolummaa sabootaa dhiibu diigamuun sirni dimokiraasii akka ijaaramuuf ofii keessatti hirmaachuun qooda dachaa kan qaban yoo ta'u ammas jijjiiramichi qormaatilee keessa darbuun badhaadhina biyya keenyaa akka mirkaneessuuf gahee adda durummaa isaanii bahachuu qabu.

Mootummaan Naannoo Oromiyaa haalli baruufi barsiisuu bu'aa qabeessaafi lammii dorgomaa ta'e oomishuuf akka dandeessisuuf qooda fudhattoota barnootaa hunda waliin qindoomina olaanaan kan hojjetu yoo ta'u dandeettiifi gahumsa barsiisotaa guddisuuf rakkoo isaanii hiikuuf akkasumas barsiisotaaf haala mijataa uumuuf yeroo kamiyyuu caalaa xiyyeeffannoo guddaan kan hojjetu ta'uu ibsaa baga guyyaa barsiisotaa geessan jechuun barbaada.

Oromiyaa ni ijaarra
Itiyoophiyaa ni utubna
Gaanfa Afriikaa ni tasgabbeessina
Waaqnis nu gargaara 
Shimallis Abdiisaa, Pirezidaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa
Bitootessa 23, 2015
Finfinnee.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015