Kantiibaa Adaanech Abeebee lammiilee jireenya gadi aanaarra jiranii fi sababa misoomaatiin kaafamaniif furtuu mana jireenyaa kennan

BItootessa 23/2015 (TOI) – Kantiibaan bulchiinsa magaalaa Finfinnee adde Adaanech Abeebee lammiilee jireenya gadi aanaarra jiranii fi sababa misoomaatiin kaafamaniif furtuu mana jireenyaa carraadhaan har’a kennan.

Bulchiinsi magaalaa Finfinnee warra
dadhaboo, maanguddootaa, qaama miidhamtoota 150 fi  kutaa magaalaa Araadaa fi Gullallee laga qarqaraa ka’anii 50f  mana kennuusaa kantiibaa Adaanech ibsaniiru.

Kanneen keessaa hojiisaaniitiin lammiisaanii deeggaraa kan turan,  rakkoo fayyaa fi rakkoolee hawaasummaa keessa kan jiran akka keessatti argaman kantiibaa Adaanech eeraniiru.

Gama biraatiin “namoonni qarqara lagaa jiraatan balaa lolaaf kan saaxilamanii fi iddoowwan faalaman jiraachuusaaniitiin rakkoo irra gahu hiikuuf jiraattotaaf iddoo fooyyee qabu kennuun qarqara laggeen Finfinnee misoomsuun magaalaa  qaqqabiinsa tuurizimii dorgomaa ta’e taasisuuf hojjetamaa jira” jedhaniiru.

Kana malees “lammiilee kanneen bakka kufanii kaafnee mana akka argatan gochuun alatti maaddii qoonneerraaf” jedhan adde Adaanech Abeebee.

Lammiilee Carraan baheef mnannee Istuudiyoo, abbaa ciisichaa tokkoo fi lamaa fudhataniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015