Nageenyi biyyaa bu’uura amansiisaarratti cimee akka ittifufu raayyaan ga’eesaa cimsee itti nifufa

210

Bitootessa 24/2015(TOI) - Nageenyi biyyaa bu’uura amansiisaarratti cimee akka itti fufu raayyaan ga’eesaa jabeessee akka itti fufu shuumiin etaamaajoorii waliigalaa humnoota waraanaa Fiildimaarshaal Biraanuu Juulaa ibsan.

Ministeerri Ittisaa Kaampii qajeelcha ajajaa dhibbaalaa fi Kooriitajaajiloota ammayyaa ofkeessatti qabu kan godina Gaamoo aanaa Abbayyaa lixaatti ijaarsise har’a eebbisiiseera.

Shuumiin etaamaajoorii waliigalaa humnoota waraanaa Fiildimaarshaal Biraanuu Juulaa ergaa sirnicharratti dabarsaniin akka jedhanitti karaa addaddaatiin nageenya biyyaa diiguuf fedhiiwwan nijiru.

Nageenyi biyyaa bu’uura cimaarra akka dhaabatu raayyaan itti gaafatamasaa ga’umsaan akka bahatu ibsaniiru.

Nageenya argame cimsuun akka barbaachisu Fiildi maarshaal Biraanuu Juulaa ibsanii, kana cimsuuf aarsaan raayyaan kafalaa jiru deeggaramuu qaba jechuun ergaa dabarsaniiru.

Raayyaan ergamasaa caalaatti cimee akka bahatu hojiiwwan ijaarsaa hunda qabeessi karaa adda ta’een cimee akka itti fufuFiildi maarshaal Biraanuu Juulaa mirkaneessaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015