Hiriirri deeggarsaa injifannoo fi milkaa’ina jijjiiramaan booda argame itti fufsiisuuf kaayyeffate guutuu Oromiyaatti Boru ni adeemsifama- Biiroo komunikeeshinii Oromiyaa

Bitootessa 23/2015(TOI)-- Hiriirri deeggarsaa injifannoo fi milkaa’ina jijjiiramaan booda argame itti fufsiisuuf kaayyeffate guutuu Oromiyaatti Boru akka adeemsifamu biiroon komunikeeshinii Oromiyaa beeksise.

Hiriira deeggarsa boru adeemsifamu ilaalchisuun ittigaafatamaan biiroo komunikeeshinii Oromiyaa obbo Hayiluu Addunyaa TOI’F ibsa kennaniiru.

Obbo Hayiluun akka jedhanitti, hiriirri deeggarsaa kun injifannoo fi milkaa’inoota Bitootessa 24 bara 2010 asitti galmaa’an itti fufsiisuufidha.

Jijjiiramaan asi waggoota shaman darban gama siyaasaa, dinagdee, hawaasummaa fidameewwan birootiin naannichatti jijjiiramoonni jajjaboon galmaa’aniiru.

Haala Kanaan hiriira deeggarsaa godinootaa fi bulchiinsota magaalaa naannichaa hundatti boru adeemsifamu kanarratti ummanno injifannoowwanii fi milkiiwwan qabsaa’ee galmeessise itti fufsiisuuf kutannoosaa nimirkaneessa jedhaniiru.

Hiriira deeggarsaa Kanaan waggoottan jijjiiramaa kanneen keessatti qormaatilee quunnamanii fi fuula duratti quunnaman waliin ta’uun fi obbolummaan cehuuf waadaan kan itti galamu ta’uu ibsaniiru.

Jidduu kana naannicha  iddoowwan addaddaatti mariiwwan milkiiwwan argaman itti fufsiisuun danda’amurratti xiyyeeffatan taasifamuu kan yaadatan obbo Hayiluun, mariiwwan kanaanis waggoota jijjiiramaa kana keessatti ummanni karaa addaddaa fayyadamaa ta’uusaa kaaseera jedhaniiru.

Keessumaa karaa obbolummaa, tokkummaa fi walqixxummaan misooma biyyaarratti hirmaachuuf jijjiiramichi karaa akka bane bal’inaan mari’atameera jedhan.

Fuula duras ummanni naannichaa finxaalessummaa fi dhaadhessummaa irratti qabsaa’uun gamtoominaa fi tokkummaan ka’uun misoomaa fi nageenyarratti akka xiyyeeffatu hubachiisaniiru.

Hiriira nagaa kana milkiidhaan adeemsisuuf mootummaan naannichaa qophii barbaachisu hunda xumuruusaa kan ibsan obbo Hayiluun, ummanni naannichaa hiriira kanarratti akka hirmaatu waamicha shiheessaniiru.

Dargaggoonni, tola ooltonnii fi qaamoleen nageenyaa hiriira deeggarsaa kana qindeessuuf qophii barbaachisu taasisuusaanii ibsaniiru.

Hiriirri nagaa kun boru Bitootessa 24 bara 2015 ganama sa’aatii 12 irraa kaasee adeemsifamuu akka eegalu dubbataniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015