Naannoo Affaaritti oomishni qamadii gammoojjii jallisiin misoome sassaabamaa jira

236

Bitootessa 23/2015 (TOI) – oomishni Qamadii gammoojjii naannoo Affaar godinoota sadiitti kilaastaraan misoome sassaabamaa akka jiru biiroon beelladaa, qonnaa fi misooma qabeenya uumamaa beeksise.

Bara kana naannichatti lafa heektaara kuma 15 kilaastaroota misooma Qamadii gammoojjii sadihiin misoomsuuf karoorfamee hojiitti galamuu hoogganaan ittiaanaa biirichaa obbo Ibraahiim Mahaammad TOI’f ibsaniiru.

Godinoota naannichaa Awwiisii Resuu, Gebii Resuu fi Harrii Resuutti lafa heektaara kuma 8 fi 557 kilaastaraan Boqqoolloo fi Qamadii misoomsuun akka danda’ame himaniiru.

Kana malees oomishni Qamadii godinootatti kilaastaraan misoomee sassaabbiif qaqqabe wayita ammaa Kombaayinaraan sassaabamaa jira jedhaniiru.

Misooma jallisii Qamadii gammoojjiitiin abbootiin qabeenyaa 43, walakkaan horsiisee bulaa 170  fi dargaggoonni waldaan gurmaa’an 330 hirmaataniiru jedhaniiru.

Misooma Qamadii jallisii gammoojjiitiin oomishni Qamadii kuntaalli kuma 675 akka eegamu obbo Ibraahiim ibsanii, rakkoon hanqina galtee guddistoota oomishaa waan mudateef karoorichi guutummaatti raawwachuu akka hindandeenye eeraniiru.

Misooma jallisii Qamadii gammoojjii fuula dura adeemsifamuuf hanqinni sanyii filatamaa akka hinquunnamne inistiitiyuutii qorannoo qonnaa Werer fi qooda fudhattoota biroo waliin ta’uun lafa heektaara 470 irratti sanyiin filatamaan baay’ifamaa akka jiru dubbataniiru.

Naannichatti Godinicha Awwiisii bulchaan aanaa Dubtii obbo Awwal Abduu akka jedhanitti, Qamadii Gammoojjii baay’inaa fi qulqullinaan oomishnee ofirra darbinee gabaa alaaf dhiheessuuf ejjennoon qabamee hojjetamaa jira.

Aanichatti lafti jallisiin misoomu bal’aan, bishaan gahaan jiraachiisaa ibsanii, abbootii qabeenyaa misooma kanarratti hirmaachuu barbaadaniif bulchaan aanichaa deeggarsa akka taasisu mirkaneessaniiru.

Misooma jallisii kanatti hirmaachaa kan jiran kessaa hojii raawwachiiftuun olaanaa waldaa aksiyoonaa agiroo giruup maaddii Alam adde Beteliheem Hayiluu akka jedhanitti, waldichi qamadii dabalatee midhaan addaddaa oomishuuf lafa heektaara 304 fudhatee hijiitti seeneera.

Hooggansi sadarkaan jiru deeggarsa gochaa waan jiruuf amma ammaatti lafa heektaara 75 irratti qamadii jallisiin misoomsanii haala gaariirra akka jiru በeeraniiru.
 

Haala Kanaan jiraattota naannawa kana jiraniif carraa hojii dhaabbataa fi yeroo uumamuusaa ibsaniiru.

Itti fufuunis kan hafe lafa keektaara 200 Jirbii kan hafemmoo akurii atarii, saliixii fi maashoo misoomsuuf qophii taasisaa akka jiran adde Beeteliheem dubbataniiru.

Lafti Affaar kan facaasan kan magarsuu fi yeroo gabaabaatti oomisha kan kennu ta’uu eeranii, hundi birmatee hojjechuun hiyyummaarraa akka bahu gorsaniiru.

Dargaggoo Abbaas Haroo gamasaatiin lafa heektaara 200 fudhatee amma ammaatti heektaara 150 Qamadii misoomsuusaa fi dargaggoota 60’f carraa hojii uumuusaa ibseera.

Naannawa kanatti waggaatti al sadii midhaan addaddaa oomishuun akka danda’amu kan dubbatu dargaggoo Abbaas, dargaggoonni misooma kanatti hirmaatanii yeroo gabaabaatti ofdanda’anii kanneen biroo akka fayyadan gorseera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015