Ministeerri Ittisaa godina Gaamoo aanaa Abbayyaa lixaatti qajeelcha waraanaa mana jireenyaa ajajaa kumaa fi kaamppii itti hojjetamu eebisiisaa jira

205

Bitootessa 23/2015 (TOI) - Ministeerri Ittisaa godina Gaamoo aanaa Abbayyaa lixaatti qajeelcha waraanaa mana jireenyaa ajajaa kumaa fi kaamppii itti hojjetamu eebisiisaa jira.

Etaamaajoorii shuumii humna waraanaa waliigalaa Fiild Maarshaal Biraanuu Juulaa dabalatee hooggantoonni olaanoo ministeerichaa, qondaaltonni jeneraalaa, jaarsoliin biyyaa Gaamoo fi keessummoonni waamichi taasifameef sirna eebbaa kanarratti argamaniiru.

Kaampiin ammayyaa kun ijaarsota qajeelcha waliigalaa fi mandara waliigalaa rejimantii tajaajila hedduu kennan kan ofkeessaa qabu ittigaafatamaan pirojektii ijaarsichaa Letenaal Koloneel  Daanyaachoo Yaadataa TOI’f ibsaniiru.

Kaampiin kun daandii keessa-keessaa, Hoospitaalaa fi ijaarsa bishaan dhugaatii akkasumas galmoota walgahii fi nyaataa fi jiddugaleessota bashannanaa akka qabu ibsaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015