Faawundeeshiniin Master kaard sagantaa marsaa lammaffaa Itiyoophiyaaf doolaara miiliyoona 630 ol raggaase

153

Bitootessa  23/2015(TOI)- Faawundeeshiniin Master kaard sagantaa marsaa lammaffaa Itiyoophiyaaf doolaara miiliyoona 630 ol raggaasuusaaministeerri hojii fi dandeettii beeksise.

Pirezidaantiin Faawundeeshinichaa Riittaa Rooyi fi miseensonni boordii hooggansa hojii kanneen biroo guyyoota arfan darban Itiyoophiyaatti qorannoo sagantaa taasisaa turuusaanii ministirri hojii fi dandeettii Mufariyaat Kaamiil ibsaniiru.

Haala Kanaan sagantaa Itiyoophiyaa marsaalammaffaaf doolaara miiliyoona 360 ol raggaasuussaa Ministirittiin dubbataniiru.

Maallaqni ragga’e kun gama hojii uumuutiin, tajaajila liqii qaqqabinsa faayinaansii mirkaneessuu dandeessisudhiheessuuf, dhaabbilee ogummaa fi teekniikaa ilaalcha hojii uumuutiin qaruu kan dandeessisu ta’uu ibsaniiru.

 Kana malees maallaqni kun waggoota sadan itti aananiif carraa hojii uumuuf akkasumas hojiiwwan addaddaaf kan ooludha jedhaniiru.

Faawundeeshinichi kan hunda hammatee fi addunyaa haqaa uumuuf, barnoota babal’isuuf, dargaggootaaf carraa hojii uumuu fi faayinaansii kan hammate beeksisuuf ergama kan qabu ta’uu ministirittiin beeksisaniiru.

Dhimmoota biyyaa, ardii fi idil addunyaa  hedduu akkasumas  hojii faawundeeshinichi waggoota hedduuf Itiyoophiyaatti hoojjetee fi shoora bahe irratti  hooggantoota boordii Faawundeeshinichaa waliin bal’inaan ilaaluun akka danda’ame ministirittiin ibsaniiru.

Faawundeeshinichi dandeettii kalaqaa dargaggootaa fi hojii uumtummaa amanuun hawwii hedduuwwanii milkeessuufdeeggarsa olaanaa taasisaa jira jedhaniiru.

Deeggarsa faawundeeshinichi Itiyoophiyaatti gama barnootaan,tajaajila faayinaansii fi leenjii dandeettii qaqqabaa taasisuuf akkasumas hedduuwwan hawwiisaanii akka qaqqaban gochuuf taasisu ministirittiin dinqisiifataniiru.
 

Ministirri Mufariyaat Kaamiil adeemsa jijjiiramaa egeree Itiyoophiyaan jalqabde irratti ibsa kennuusaanii odeeffannoo fuula marsaritiisaaniirratti barreessaniin mul’isaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015