Piriimer Liigiin Beetkiing Itiyoophiyaa Taphoota walqixxeessituu Torbee 17ffaan har’a dorgommiitti nideebi’u - ENA Afaan Oromoo
Piriimer Liigiin Beetkiing Itiyoophiyaa Taphoota walqixxeessituu Torbee 17ffaan har’a dorgommiitti nideebi’u

Bitootessa 23/2015 (TOI) - Piriimer Liigiin Beetkiing Itiyoophiyaa Taphoota walqixxeessituu Torbee 17ffaan har’aa kaasee Istaadiyeemii Saayinsii fi Teknooloojii Adaamaatti nitaphatamu.
Piriimer Liigiin kun sababa tapha calallii waancaa Afriikaa gareen biyyaalessaa Itiyoophiyaa Giinii waliin taasiseen torbee sadiif addaan cite ture.
Dorgommiin kun sagantaa walqixxeessituu torbee 17tiin Machaal magaalaa Adaamaa waliin guyyaa keessaa sa’aatii 9tti Istaadiyeemii saayinsii fi teeknooloojii Adaamaatti nitaphatu.
Piriimer Liigichaan Machaal qabxii 23’n sadarkaa 5ffaa akkasumas magaalaan Adaamaa qabxii 21’n sadarkaa 12ffaa irratti argama.
Sagantaa biraatiin Bunni Sidaamaa Hadiyyaa Hoosaa’inaa galgala keessaa sa’aatii 12tti nitaphatu.
Bunni Sidaamaa qabxii 19’n sadarkaa 13ffaa akkasumas Hadiyyaa Hoosaa’inaa qabxii 21’n sadarkaa 9ffaa irra jiru.
Sadantaan walqixxeessituu torbee 17tiin boru Faasiil kanamaa Walaayittaa Diichaa guyyaa keessaa sa’aatii 9 akkasumas piriimer liigicha dursaa kan jiru Qiddus Goorgis Itiyoo Elektiriik waliin galgala sa’aatii 12tti nitaphatu.
Taphni walqixxeessituu kun amma Bitootessa 26 bara 2015tti nitura.
Taphoonni torbee 17ffaa piriimer Liigii Beetkiing Itiyoophiyaa Istaadiyeemii Dirreedawaatti adeemsisuuf karoorfamee ture.
Haata’u malee bokkaa cimaa Magaalaa Dirreedawaatti roobeen dirreen waan hintaphachiifneef taphni torbee 17ffaa altokko qofa akka taphatameen qaamni dorgomsiisu haalajiru hubachuun taphoonni xumuraa hafan haqamuusaanii beeksisuunsaa niyaadatama.
Waldaan aksiyoonaa Piriimer Liigichaa murtee kanarraa ka’uun istaadiyeemonni magaalaa Bahaardaar, Adaamaa fi Hawaasaa jiran qophii tapha kanaaf qaban qorachuunsaa niyaadatama.
Haala Kanaan taphoonni walqixxeessituu torbee 17ffaa amma 27ffa tartiibaan jalqaba Istaadiyeemii Yunivarsiitii Saayinsii fi Teeknooloojii Adaamaa fi Itti aansuun Istaadiyeemii Yunivarsiitii Hawaasaatti akka adeemsifaman waldaan aksiyoonaa kun murteessuunsaa nibeekama.
Piriimer Liigicha Qiddus Goorgis qabxii 35niin dursaa jira.
Magaalaa Bahaardaar fi Madin Itiyoophiyaa qabxii walfakkaataa 30’n gooliin walcaalanii sadarkaa 2ffaa fi 3ffaa qabataniiru.
Magaalaa Arbaa Minci, Itiyoo Elektiriikii fi Lagaxaafoo Lagadaadhii sadarkaa 14 amma 16 qabatanii sadarkaa gadibu’aarra jiru.