''Magaalaa Shaggar magaalaa ammayyaa taasisanii bu'uuressuuf deeggarsa hayyootaa nu barbaachisa''

203

Bitootessa 22/2015 (TOI) :- Kantiibaan magaalaa Shaggar Dr. Tashoomee Addunyaa Magaalaa Shaggar magaalaa ammayyaafi jireenyaa hawaasaaf mijatuu taate taasisanii bu'uuressuuf deeggarsa hayyootaa nu barbaachisa jedhan.

Miseensonni Boordii Gorsitoota Magaalaa Shaggar adeemsa egeree bulchiinsaafi ijaarsa magaalichaa irratti mariyataniiru.

Kantiibaan magaalaa Shaggar doktar Tashoomee Addunyaa marii kanarratti, hundeeffamnii magaalaa Shaggar jalqabarra kaasee qorannoon kan deeggarame, yaad-rimee magaaloota ammayyaa bu'uresuufi ijaaruun kan hundaa'e ta'uu himaniiru.

Muuxannoon magaaloota ammayyaa sadarkaa addunyaatti jiran akka mul'isanitti magaaloonni ammaayyaa itti yaadamanii herreegaan akka hundaa'an agarsiisa jedhaniiru.

Magaalonni amala isaaniin sirna ijaarsaa fi bulchiinsa walxaxaa akka qaban ibsuun, kana keessa bahuufis ogeeyyii beekumsaa fi dandeettii qaban hirmaachisuun akka ta'ee eeraniiru.

Kanaafis magaalaa Shaggariif boordii gorsitootaa miseensoota 15fi koreewwan tekinikaa jaha qaban hundeessuu dr. Tashoomeen himaniiru.

Miseensonni koreewwan teeknikaa kunneen dhaabbilee barnoota olaanoo irraa kan walitti dhufan yoo ta’u, ijaarsaa fi bulchiinsa magaalaa irratti muuxannoo bal’aa kan qaban ta’uu ibsaniiru.

" Haala walxaxaa ijaarsi magaalaa qaburraa ka'uun ogeessoonni kunneen Pilaanii qopheesuun, gorsaan, ijaarsa irratti hirmaachuuniifi ogummaawwan birootiin akka nu gargaaran ni taasifama'' jedhaniiru.

Kaayyoon waltajjii marii har'a qophaa'ees Qulqullina ijaarsa hoggansafi sadarkaa akkamiitiin magaalattii ijaaruu haala danda'amurratti mariyachuufi qabatamaan gara hojiitti galuufi akka ta'e himaniiru.

Miseensa boordii gorsitootaa magaalaa Shaggar keessaa tokkofi Yunivarsiitii Saayinsiifi Teeknooloojii Adaamaatti barsiisaafi qorataa kan ta’an doktar Asheetuu Tamasgeen magaalaan tokko yeroo hundeeffamtu, seera hordofuun, jiraattota sirnaan tajaajiluufidha.

" Haaluma kanaan Qorannoorratti hundaa'uun kan hundoofte magaalaa Shaggar magaalaa jiraattotaa isheefi guutuu biyyattiif mijattuufi hawwattuu taate akka taatuuf ogummaa keenyaan deeggarsa barbaachisu ni taasisna jedhaniiru.

Yuunivarsiitii Barnootaa Kotobeetti daarektaraa fi barsiisaa kutaa ijaarsaafi bu'uuraalee misoomaa kan ta'an, arkiteektii Firiwuu Zarihuun guddina magaalootaa haalli hundeeffama isaanii murteessadha jedhaniiru.

Miseensa bordii gorsituu magaalaa Shaggar ta'uun filamuu isaanii himanii keessuuma ijaarsa irratti gahee ogummaa isaanii bahuun magaalaa guddina gaarii qabduu kan jiraatoota isheef mijattuu uumuuf gahee isaanii kan bahan ta'uu himaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015