Miseensonni paartii badhaadhinaa miseensa paarlamaa ta’an marii jalqaban. - ENA Afaan Oromoo
Miseensonni paartii badhaadhinaa miseensa paarlamaa ta’an marii jalqaban.

Bitootessa 22/2015(TOI) - Injifannoowwan argaman cimsuun qormaatilee ce’uu mata duree jedhuun Miseensonni Paartii Badhaadhinaa Miseensa paarlamaa ta’an mari’ataa jiru.
Marii kanarrattis Itoophiyaan imala jijjiiramaa akka eegaltuuf Paartiin Badhaadhinaa bu’aalee hedduu galmeesseera jedhame.
Gufuuwwan jiran maqsuun injifannoowwan argamaa jiran cichoominaan cimsuun imala misoomaa eegalame milkeessuuf tumsi waloo akka barbaachisuus waltajjii kanarratti eerameera.