Jiddugalli Kalee dhiquu Dirre Dawaa ji'a tokko keessatti hojii ni eegala jedhame.

242

Bitootessa 22/2015 (TOI) :- Hirmaannaa Uummataan ijaaramaa kan jirufi guyyaatti namootaa 45'f tajaajila kennuu kan danda'u Jiddugalli Kalee dhiquu Dirre Dawaa hojiin isaa xumuramee ji'a tokko keessatti tajaajila kennu kan eegalu ta'uun himame.

Miseensonni miidiyaalee biyya keessaa qopheesummaa Tajaajila Kominikeeshinii Mootummaa fi Bulchiinsa Magaalaa Dirre Dawaan hojii gama Ispoortiifi Fayyaana magaalaa Dirre Dawaatti hojjetame daawwataniiru.

Pirojeektoota daawwatama keessaa hirmaannaa uummataafi galii tola ooltonni walitti qabaniin ijaarama kan jiru jiddugalli Kalee dhiquu isa tokkodha.

Hoggantuun Waajjira Fayyaa Bulchiinsa Magaalaa Dirre Dawaa aadde Lamlam Bazzaab akka himanitti jiddugalli kun hirmaannaa hawaasaafi tola ooltotaan ijaarama jira.

Jiddugalaafi meeshaleen yaala fayyaaf barbaachisaniifi sireewwaan biyya alaarra galanii akka jiran himanii, dhaabbiin maashinoota kunneen yeroo muraas keessatti akkum xumurameen jiddugalichi tajaajila kennu kan jalqabu ta'uu himaniiru.

Jiddugalichi rakkoo jiraattota naannichaa sababa hanqina dandeettiitiin wal’aansa Kalee dhiqachuuargachuu dadhabanii salphisuuf kan hojjetu ta’uu ibsaniiru.

Jiddugalichi Hospitaala Saabiyaan keessatti kan ijaarame yoo ta’u, boordiidhaan kan hoogganamufi tajaajila itti fufiinsa qabu akka kunnuuf mootummaan qofaan osoo hin taane hawaasanis kan deeggaramu ta’uu eeraniiru.

Daarektarri Meedikaalaa Hospitaala Waliigalaa Saabiyaan Doktar Yuusuf Alii akka jedhanitti; magaalaa Dirre Dawaa keessa Hospitaalaa dhuunfaa tokkoon alaa dhaabbileen yaala fayyaa tajaajila Kalee dhuquu kennaan waan hin turreef jiddugalli kun hojii jalqabuun isaa oduu guddaadha jedhaniiru.

Jiddugalichi tajaajila kennuu yeroo jalqabu guyyaatti namoota 45'f tajaajila kennu kan danda'u ta'uu himanii, ogeeyyiin fayyaa yaala kana kennuuf leenjii fudhachuu himaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015