Dirre Dawaan bakka duraan turte, gara jiddugala daldalaa Itoophiyaatti deebi'aa jirti.

295

Bitootessa 22/2015 (TOI) :- Erga jijjiramaan as Dirre Dawaan bu'uuraalee misoomaa barbaachisaan guuttachuun bakka duraan turte, gara jiddugala daldalaa Itoophiyaatti deebi'aa jiraachuu Kantiibaan Magaalaa Dirre Dawaa obbo Kadir Juhaar himan.

Kantiibaan magaalaa Dirre Dawaa ibsa miidiyaaleef kennaniin hoggansi jijjiirama magaalichatti hojii misoomaa adda addaa fi pirojeektoota guddina magaalitti gahee olaanaa qaban adda addaa hojjetee xumuruun gara jiddugala daldalaa Itoophiyaa duraan turteetti deebisaa jira jedhaniiru.

Buufata doonii goggogaa banamuufi hundeeffamuu naannoon daldala bilisaan guddina magaalitti waan si'eessaa jiruuf oomishitoonni carraa kana fayyadamuun gara magaalichaa seenaa jiraachuu himaniiru.

Daandiin baaburaa duraanii Itiyoo-Jibuutii ''Dirre Dawaa - Dawwalleen'' bulchiinsa magaalattii jalatti dhaabbachuun, bulchiinsa magaalaa Dirre Dawaaf carraa dalataa kan uume ta'uu himaniiru.

Damee bu'uuraalee misoomaan bara kana obbotiin warraa kuma 17 akka ijaarsa manneeniif qusataan taasisuun manneen kuma 10 ijaaruuf karoorfamuu himaniiru.

Bu'uuraalee misoomaa babal'isuun nageenyaa magaalaa Dirre Dawaa mirkaneessuun, Dirre dawaa jiddulaga daldalaa Itoophiyaafi mirkaneessuun Dredaa Itiyoophiyaa giddugala daldalaa fi jiddugala sochooftuu daldalaa ni taasisna jedhaniiru.

Duudhaalee tokkummaafi waliin jireenyaa magaalattii keessatti qorree ture deebisuuf dargaggoota, abbootii amantaafi jiraattota waliin ta’uun hojjechaa akka jiran ibsaniiru.

Balaa lolaa hir’isuuf qarqara lagatti dallaa ijaaruu, hojiiwwan kunuunsa biyye, bishaaniifi daagaa hojjetamuu eeraniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015