Tamsaasa Kallatti:

Milkaa'inni damee qonnaan galmaa'e imaala Itoophiyaa mallattoo badhaadhina taasisuuf hojjetamuuf ragaadha - Ministeera Qonnaa

Bitootessa 22/2015 (TOI) :- Milkaa'inni damee qonnaan keessattu gama ashaaraa magariisaa, oomisha Qamadiifi Maaddii guutuun galmaa'e imaala Itoophiyaa mallattoo badhaadhina taasisuuf hojjetamuuf ragaa ta'uu Minstirri Qonnaa Doktar Girmaa Amantee beeksisan.

Itoophiyaan hojii qonnaa ammayyeessuun wabii midhaan nyaataan lammileen ishee akka of danda'aniif misooma qamadiirratti milkaa'ina guddaa argateetti. Hojii kanaan oomisha qamadii gabaa keessaf gahaa oomishuun gabaa alaattis erguun sharafa alaa irraa argachuu jalqabdeetti.

Ganama Jijjiramaa lafa keektaaraa kuma sadi qofaarratti misooma qamadii jallisiin kan jalqabdee Itoophiyaan yeroo gara yerootti dabaluun bara kana lafa heektaara miiliyoona 1.3 irratti misooma jallisiin Qamadii oomishuun callaa kumataalaa miliyoona 52 galchuuf eegaa jirti.

Ministirri Qonnaa doktar Girmaa Amantee turtii TOI waliin taasisaniin, Itoophiyaa mallattoo badhaadhina taasisuuf dameen hojii qonnaa ergama isaa galmaan ga’aa jiraachuu ibsaniiru.

Sagantaa maaddii Guutuun misooma foonii, hanqaaquu, damma, aannaniifi qurxummiitiin gandoonni kuma 26 ol uumamuun hawaasa fayyadamaa taasisaa jiraachuu ibsaniiru.

Damichi ergama itti kenname galmaan gahuuf waggoota sadan darban walitti aansuun hojii hojjeteen oomisha Qamadii, Xaafii, Boqqolloo irratti jijjiramni guddaan akka argamu taasiseera jedhaniiru.

Walumaagalatti bara baajataa 2013tti oomishni qonnaa biyyoolessaa dhibbeentaa 5.5, bara bajataa 2014tti ammoo dhibbeentaa 6.1 guddachuu isaatiin bu’aan abdachiisaa ta'e argamuu himaniiru.

Baroota jijjirama kana keessatti hojiiwwan bifa haaraan misooma Qonnaa guddisuuf jalqabaman keessaa sagantaa Ashaaraa magariisaan biqiltuu biiliyoona 20 dhaabuuf karoorfamee biiliyoona 26 galmaaan ga’uun danda'amuu himaniiru.

Biqiltoonni dhaabaman Kuduraalee fi kan bosonaa waan ta'aniif oomishaafi oomishitummaa guddisuu keessatti gumaacha olaanaa qabu jedhaniiru.

Bara oomishaa guddina damichaa caalaatti guddisuuf karoorfamee hojjetamaa kan jiru ta'uu himanii, daldala al-ergii babal’isuu fi oomishaalee biyya alaatii galfaman bakka buusuuf hojiin cimaan hojjetamaa jira jedhaniiru.

Oomishaalee wabii midhaan nyaataa lammilee mirkaneessuu danda'an oomishuuf dhiyeessiin teeknooloojii, makaanaayizeeshinii fi galteewwan qonnaa bal’inaan qonnaan bultootaf akka dhihaatan taasifama jira jedhaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015