Naannichatti sagantaan kitaaba Dhaloota Ida’amuu dubbiftootaa biraan ga’uu gaggeeffamaa jira

221

Bitootessa 22/2015 (TOI) – Naannoo Beenishaanguul Gumuzitti sagantaan kitaaba Dhaloota Ida’amuu dubbiftootaaf qaqqabsisuu gaggeeffamaa jira.

Galii kitaabicharraa argamuun Godambaan Aadaa sadarkaa isaa eeggate kan ijaaramu ta’uu Pireezidaantiin naannichaa Obbo Ashaadilii Hasan ibsaniiru.

Mootuumaan Naannichaas Kitaabaa Dhaloota Ida’amuu Birrii miiliyoona 10’n bituun Barattootaaf kan raabsuu ta’uun eerameera.

Saganticharratti Pireezidaantii Naannoo Beenishaanguul Gumuz Obbo Ashaadilii Hasan dabalatee, hoggantoonni olaanoo naannichaa, Abboottiin qabeenyaa fi Barattoonnii argamaniiru jedhameera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015