Kanneen waldhabdee biyyaa keenyaa keessatti ta'een miidhaman irra gahe deebisaanii dhaabuuf hirmaannaa taasifamuu qaba

180

Bitootessa 22/2015(TOI) - Waldhabdee biyyaa keenya keessatti mudatee keessatti kanneen hirmaachaa turan hidhannoo hiikkachuufi deebisanii dhaabuun nagaa waaraa biyya keenyaa mirkaneessuuf qaamonni hundi gahee isaanii bahuu qabu jedhan komishinarri Komishinii Ijaarsa Biyyaalessaa Ambaasaaddar Tashoome Toogaa

Komishinichi waltajjii marii dhimmoota waliigaltee nageenyaa cimsuuf dandeessisan irratti xiyyeeffate magaalaa Bahaar Daaritti geggeessaa jira.

Itoophiyaan waraana kaabaafi walitti bu’iinsa naannoo adda addaatti uumameen haalaan miidhamuu ishee Ambaasaaddar Tashoomee Toogaa waltajjii kanarratti himaniiru.

Mootummaanis kana hubachuun bakka hundaatti araaraafi nagee dhiifamarratti hundaa'e buusuuf hojii adda duree godhatee hojjechaa jira jedhaniiru.

Keessattuu, Itoophiyaan gaaga'ama sababa waraanaan kaaba biyyatiitti mudate marii karaa nagaan furuu danda’uun ishee milkaa’ina guddaa ta’uu ibsaniiru.

Filannowwaan gama nageenyaan rakkoo jiru furuuf jalqaban kana cimsuuf gareewwan walitti bu’iinsa keessatti hirmaatan hidhannoo hiikkachuufi deebisanii dhaabuu keessatti qaamni hunduu gahee isaa bahuu akka qabu hubachiisaniiru.

Itti aanaan Pirezidaantii naannoo Amahaaraa doktar Geetaachoo Jambaree waltajjii qophaa'e kanarratti akka jedhanitti, waraanni kaaba biyyattitti geggeeffamaa ture du’a, miidhama cimaa, qe'eefi qabeenyaa ofirraa buqqa'uu lammilee qaqqabsiiseera.

Rakkoo kana karaa nagaa furuun eenyuyyuu caalaa ummata naannichaaF bu'aa guddaa akka qabu dubbataniiru.

Erga waliigalteen nageenyaa taasifamee as Komishiniin Ijaarsa Biyyaalessaa hundeeffamuun hojiiwwan gareewwan waraana kana keessatti hirmaatan hidhannoo hiikkachuu, naannoo tokkotti walitti qabuufi deebisanii dhaabuu irratti xiyyeeffate raawwachuuf sagantaan qophaa’ee hojiitti galamuu yaadachiisaniiru.

Kana milkeessuuf waltajjiin jalqabaa naannoleen biyya keenyaa hundi irratti hirmaatan magaalaa Maqaleetti milkaa’inaan gaggeeffamuu himaniiru.

Waltajjiin amma magaalaa Bahaar Daaritti qophaa'e kunis hoggantoota naannoo Amahaaraa fi kanneen miidhaan waraanaan irra gahe waliin mariyachuuf kan qophaa'edha jedhaniiru.

Mariin har'aa kun nagaa waaraa buusuun uummanni yaaddoo nageenyaa malee akka socho'u ni dandeessisa jennee eegnas jedhaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015