Milkaa'inoota adeemsa jijjjiramaa keessatti argaman itti fufsiisuuf Mootummaan gahumsaa olaanaafi kutannoo cimaan ni hojjeta.

214

Bitootessa 22/2015(TOI) - Milkaa'inoota damee hundaan adeemsa jijjjiramaa keessatti argaman itti fufsiisuuf Mootummaan gahumsaa olaanaafi kutannoo cimaan kan hojjetu ta'uu Mana Maree Bakka Bu'oota Uummataatti Ministirri bakka bu'aa mootummaa obbo Tasfaayee Beeljigee beeksisan.

Erga jijjiramaa as waggoota shanan darbanitti hojiiwwan gama siyaasaan hojjetaman ilaalchisuun obbo Tasfaayeen TOI waliin turtii taasisaniiru.

Obbo Tasfaayee Beeljigee akka himanitti Itoophiyaa keessa gaaffii itti fayyadama haqa qabeessaafi dimokiraasii jaarraa walakkaa oliif ture deebisuuf hojiiwwan ijoon hedduun hojjetama jira.

Gaaffileen saba, amantii, afaan, aadaa fi eenyummaan wal qaban waggoota hedduuf deebii osoo hin argatiin turuu yaadachiisanii, Kanaaf deebii kennuudhaaf waggoota shanan darbanitti tarkaanfiiwwan fudhatamaa jiru jedhaniiru.

Dhiittaan mirga namoomaafi mirgi dimokiraasii dhabamuun rakkoo waggoota hedduuf biyyatti keessa ture ta'uu eeruun, hojiiwwan erga jijjiramaa as hojjetamaniin gama kanaanis milkaa'inni gaariin argamaa jirachuu himaniiru.

Mootummaan jijjiirama biyyaalessaa hordofuun Itoophiyaatti faayidaan diinagdee haqa qabeessi akka dhugoomuuf bal'inaan hojjechuu obbo Tasfaayeen himaniiru.

Jijjiiramni biyyaalessaa kun rakkoolee walxaxaa siyaas-diinagdee fi hawaasummaa Itoophiyaa mudachaa turte irra aanuu ibsuun, bu’aan gama hundaan argame cimee itti fufa jedhan.

Adeemsa jijjiiramaa keessatti bu’aa damee hundaan galmaa’e itti fufsiisuuf mootummaan gahumsaafi kutannoo cimaan kan hojjetaa jiru ta'uus eeraniiru.

Jijjiramni biyyaaleessa biyyatiitti taasifameen Itoophiyaan rakkoolee walxaxaa hedduu irra aanuu eeranii, filannoo biyyoolessaa booda boqonnaan siyaasaa haaraan hoggantoonni paartilee waldorgomtootaa Bulchiinsa mootummaa keessatti aangoo argachuun gara boqonnaa haaraatti ce'amuun danda'ameera jedhaniiru.

Jijjiirama kanaan keessumaa gama siyaasaatiin jeequmsaafi haala walxaxaa ture keessaa bahuun ijaarsa sirna dimokiraasii nama hunda hirmaachisuuf bu’uura kaa’uun danda’ameera jedhan.

Seenaa filannoo Itoophiyaa keessatti filannoon dimokiraatawaa, bilisaafi nagaa qabeessa ta’e haala adda ta’een gaggeeffamuu danda'uu isaas eeraniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015