Ijaarsi akkaadaamiin Ispoortii  dargaggootaa magaalaa Dirreedawaa fi haaromsi Istaadiyeemii Dirree dawaa birrii miiloiyoona 755 taasifamaa jiru bara kana nixumuramu

369

Bitootessa 21/2015 (TOI) - Ijaarsi akkaadaamiin Ispoortii  dargaggootaa magaalaa Dirreedawaa fi haaromsi Istaadiyeemii Dirree dawaa birrii miiloiyoona 755 taasifamaa jiru bara kana nixumuraman ibsame.

Gareen miidiyaa miidiyaalee biyya keessaarraa walitti babahan akkaadaamii ispoortii dargaggootaa magaalaa Dirreedawaatti ijaaramaa jiranii fi Istaadiyeemii Dirreedawaa daawwataniiru.

Akkaadaamiin Ispoortii dargaggootaa bara 2011 ijaarsisaa abbummaa komishinii Ispoortii bulchiinsa magaalaa Dirreedawaatiin jalqabame sadarkaa dorgommiiwwan Olompiikii keessummeessuu danda’uun ijaaramaa akka jiru ibsameera.

Raawwiinsaas dhibbantaa 97 irra akka qaqqabe s ibsameera.

Akkaadaamiin kun atileetiksii, kubbaa baaskeetaa, bishaan daakuu dabalatee akaakuu Ispoortii addaddaa keessummeessuu kan danda’u yemmuu ta’u, jimnaaziyeemii, tiyaatira Amfii, gamoowwan tajaajila hundagaleessa kennan fi galmoota ofkeessaa qaba.

 Akkaadaamiin kun birrii miiliyoona 307’n hojjetamaa kan jiru yemmuu ta’u, bara kana akka xumuramuu fi bara 2016 guutummaatti tajaajila kennuu akka jalqabu eerameera.

Gareen miidiyaa kun Istaadiyeemii Dirreedawaa birrii miiliyoona 448’n hojjetamaa jiru kan daawwate yemmuu ta’u, sadarkaa idil addunyaa kan eeggate akka ta’u haaromfamaa akka jiru ibsameera.

Haaromsi Istaadiyeemii Dirreedawaa  bara kana nixumurama jedhameera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015