Haqni cehumsaa dhiitamuu mirga namoomaa guddaaf itti gaafatamummaa  buusuun araaraa fi dhiifama uumuurratti hundaa’a-doktar Maarisheet Taaddasaa

Bitootessa  21/2015 (TOI) -  Haqni cehumsaa dhiitamuu mirga namoomaa guddaaf itti gaafatamummaa  buusuun araaraa fi dhiifama uumuurratti kan hundaa’u ta’uu ogeessi qorannoo imaammata haqa cehumsaa doktar Maarisheet Taaddasaa ibsan.

Waltajjiin maree woorkishooppii haqa cehumsaa Itiyoophiyaa yaada haqa cehumsaa  gabbisuuf kaayyeffate adeemsifamaa jira.

Miseensonni haqa cehumsaa Itiyoophiyaa qopheessan, ogeessota seeraa fi eegumsa mirga namoomaa dabalatee bakka bu’oonni dhaabbata hawaasa siviilii hirmaataniiru.

Kaayoon guddaa waltajjii kanaa yaada haqa cehumsaa irratti iftoomina uumuun hirmaannaa qooda fudhattootaa guddisuu akka ta’e ibsameera.

Miseensonni qorannoo imaammataa haqa cehumsaa doktar Maarisheet Taaddasaa, imaammanni haqa cehumsaa biyyaalessaa dhiitamuu mirga namoomaa guddaa yeroo addaddaatti  raawwatamanii fi quuqqaawwan hiikuuf barbaachisaa ta’uu dubbataniiru.

Biyyoonni adeemsi walitti bu’iinsarra a gara nagaatti taasisaniin haqa, dhugaa fi araara buusuuf akka gargaaru ibsaniiru.

Qaamolee dhiitamuu mirga namoomaa guddaa raawwatan haqa cehumsaarratti adda baasuun ittigaafatamaa taasisuun miidhamtoonni haqa akka argatan gochuun akka barbaachisu dubbataniiru.

Adeemsa kanaanis dhugaa barbaaduun dhimma bu’uraa ta’uu doktar Maarisheet dubbataniiru.

Haqni cehumsaa adeemsa haqaa dhimmoonni sirni haqaa idileedhaan ilaaluu hindandeenye wayita mudatan kan ittiin hojjetamu ta’uus ibsaniiru.

Waltajjii kana mana maree dhaabbata hawaasa siviilii Itiyoophiyaa fi inistiitiyuutii qorannoo nageenyaatu waliin qophheese.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015