Talaalliiwwan wagga waggaatti doolaarri miiliyoona 100 ol baasii itti ta’u paarkii industirii Qilinxoo keessatti oomishuun haala danda’amurratti mari’atame - ENA Afaan Oromoo
Talaalliiwwan wagga waggaatti doolaarri miiliyoona 100 ol baasii itti ta’u paarkii industirii Qilinxoo keessatti oomishuun haala danda’amurratti mari’atame

Bitootessa 21/2015(TOI) - Talaalliiwwan wagga waggaatti doolaarri miiliyoona 100 ol baasii itti ta’u paarkii industirii Qilinxoo keessatti oomishuun haala danda’amurratti mari’atame.
Hojii raawwachiisaan olaanaa korporeeshinii misooma paarkiiwwan industirii Akliiluu Taaddasaa ministira fayyaa doktar Liyaa Taaddasaa waliin dhimmoota waloo talaalliiwwan paarkii industirii Qilinxoo keessatti oomishuuf hojjetamuu qabanirratti mari’ataniiru.
Baasii doolaara miiliyoona 100 ol Itiyoophiyaan waggaatti bittaa talaalliif baaftu hanbisuuf haala paarkii industirii kana keessatti talaallii oomishuun danda’amurratti mariin kan taasifame yoo ta’u, hojiitti galuuf haala dandeessisurratti waliigalteerra gahameera.
Paarkiin industirii Qilinxoo lafa heektaara 279 irratti ijaarame abbootii qabeenyaa galtee yaalaa fi qoricha oomishaniif kan qophaa’e paarkii faarmaasiiyutikaalii yemmuu ta’u, yeroo ammaa abbootiin qabeenyaa 14 ol damee kanarratti hojjechaa jiru.