Manni maree bakka ummataa yaada ka’umsaa danbii ittiin bulmaataa tajaajila oduu Itiyoophiyaa qopheessuuf dhihaate koree dhaabbataa dhimmi ilaaluuf qajeelche

207

Bitootessa 21/2015 (TOI) - Manni maree bakka ummataa yaada ka’umsaa danbii ittiin bulmaataa tajaajila oduu Itiyoophiyaa qopheessuuf dhihaate koree dhimmoota eeraa fi haqaaf qajeelcheera.

Manni maree bakka bu’oota ummataa walgahii idilee 12ffaa har’a adeemsiseera.

Yaada ka’umsaa kana kan dhiheessan af-yaa’iin mana maree bakka bu’oota ummataa Taaggasee Caafoo tajaajilli oduu Itiyoophiyaa gurmaa’insaan walqabatee yeroo addaddaa balaan diigamuu irra gahuu kaasanii, tajaajilichi ergamni waliigaltee biyyaalessaa uumuu fi biyya beeksisuu akka kennameef  ibsaniiru.

Haata’u malee  dhiibbaalee addaddaa damee miidiyaalee quunnamtiin irra gahu dura dhaabbatee ergama labsiin kennameef akka bahu jijjiirama irra keessoo yeroo yerootti taasifamuuf djalaa bahee dorgomaa fi bu’aqabeessa  ta’ee akka itti fufu fooyyessa taasisuun barbaachisaa ta’uusaa dubbataniiru.

Manni marichaas ibsa kana erga dhaggeeffatee booda wixinee danbii lakkofsa 02/2015 gochuun koree dhaabbataa dhimmoota sera fi haqaaf qajeelchuusaa odeeffannoon fuula marsariitii mana maree bakka bu’oota ummataarraa argame nimul’isa.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015