Hidi haaromsaa Itiyoophiyaa guddichi xumuramee hawwiin lammiilee akka milkaa’u deeggarsi ummataa cimuu qaba- Itti aanaa pirezidaantii mootummaa naannoo Oromiyaa Awwaluu Abdii

114

Bitootessa 21/2015 (TOI) - Hidi haaromsaa Itiyoophiyaa guddichi xumuramee hawwiin lammiilee akka milkaa’u deeggarsi ummataa cimee itti fufuu akka qabu itti aanaa pirezidaantii mootummaa naannoo Oromiyaa Awwaluu Abdii ibsan.

Waggaan 12ffaa hidha haaromsaa dhagaan bu’uraa kaa’ame sadarkaa naannoo Oromiyaatti godina Arsii agarsiisa suuraa fi maree paanaaliin kabajamaa jira.

Itti aanaa pirezidaantii naannichaa obbo Awwaluu Abdii hidhi haaromsaa sadarkaa kanarra kan gahe gahee ummannii fi hooggansi jijjiiramaa bahaniin tahuu ibsaniiru.

Keessumaa waggoota lamaan darban qormaatilee hedduu qolachuun ijaarsi hidha haaromsaa osoo addaan hincitiin itti fufsiisuun akka danda’ame dubbataniiru.

Ummanni naannoo Oromiyaa lagni Abbayyaa misoomaan ala ta’ee biyyoota ormaaf ooluunsaa waan isa gaabbisiiseef ijaarsa hidha kanaa akka xumuramu birmachaa jira jedhaniiru.

Bara 2014 waancaan hidha haaromsaa waggaa tokkoof naannicha keessa wayita turetti birrii biiliyoona 1 fi miiliyoona 48 ol sassaabuun ijaarsi hidha haaromsaa galma akka gahu kutannoo qabu mirkaneesseera jedhan itti aanaa pirezidaantii naannichaa.

Hidhi kun dalaliin akka hinguutamne ummanni baranas hojii misooma sululaa fi deeggarsi bittaa boondiitiin taasisaa jiru cimsee itti fufuu himaniiru.

Daarektarri olaanaa waajjira pirojektii qindeessaa ijaarsa hidha haaromsaa guddichaa doktar Aragaawii Barihee gamasaaniin, ummatichi duula miidiyaaleen alaa hidha kanarratti taasisanii fi rakkooleen biyya keessaa osoo duubatti isa hindhaabiin deeggarsa taasisu itti fufuusaa ibsaniiru.

“Itiyoophiyaan wayita haala rakkisaa keessa turtetti deeggarsi naannoon Oromiyaa taasise gootummaasaa dabalee kan itti mirkaneessedha” jedhaniiru.

Ijaarsi hidhichaa amma xumuramutti ummanni birmannaa hundagaleessa akka taasisu waamicha dhiheessaniiru.

Ittigaafatamtuun waajjira qindeessaa hirmaannaa ummataa hidha guddichaa naannoo Oromiyaa Adde Qonjiit Baqqalaa ummanni naannichaa waggaa 12 keessatti birrii biiliyoona 4 tuqaa 2 ol bittaa boondii fi kennaadhaan deeggaruusaa ibsaniiru.

Gurgurtaan boondii waggaa 12ffaa sababeeffachuun qophaa’e adeemsifamaa akka jiruu fi amma ammaatti birriin miiliyoona 42 ol bittaa boondii fi kennaadhaan sassaabamuusaa ibsaniiru.

Abbootii qabeenyaa dabalatee kutaaleen hawaasaa addaddaa kabaja waggaa 12ffaa hidha haaromsaa Itiyoophiyaa guddicharratti hirmaataniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015