Adeemsa jijjiiramaa keessatti damee hundaan Itiyoophiyaa badhaate ijaaruuf hijiiwwan milkaa’oo ta’an hojjetamaa turaniiru-Itti aanaa Pirezidaantii Paartii Badhaadhinaa

164

Bitootessa 21/2015(TOI) – Waggoota jijjiiramaa shaman darban qormaatilee tura gara carraatti jijjiiruun Itiyoophiyaa badhaatee fi jireenyaaf mijoofte ijaaruuf hojiileen milkaa’oo hojjetamuusaanii Itti aanaa pirezidaantii Paartii badhaadhinaa Adam Faaraah ibsan.

Itti aanaa pirezidaantii fi ittigaafatamaan waajjira paartii badhaadhinaa Adam Faaraah, turtii TOI waliin taasisaniin, “Bara 2010 dura gama hawaasummaa, siyaasaa fi dinagdeen qormaata Itiyoophiyaan mudateen imala asiigadeerra akka turte” ibsaniiru.

Hojii dhabdummaa, qaala’insa gatii, harkifannaa pirojektootaa dabalatee mirgoonni namoomaa fi demokiraasii akka malee dhiitamaa akka turan ibsaniiru.

Walabummaan miidiyaa kan itti ukkaamfamee fi ibsan sirna demokiraasii kan itti bade ture ta’uu itti aanaa pirezidaantii kun ibsaniiru.

Dippilomaasiin lammiilee kan itti dhiibame, faayidaa biyyaaf dursi kan hinkennamne, biyyoota ollaa waliin hariiroon waldhahaa kan turee fi adeemsi biyyaa fi ummata miidhu akka tures ibsaniiru.

Rakkoolee kanneenii fi kana fakkaataniin Itiyoophiyaan gadi deemaa akka turte ibsan obbo Adam.

Jiijjiirama akka biyyaatti dhufeen waggoota shaman darban rakkoolee biyyaa walxaxaa ta’an hiikuun Itiyoophiyaa badhaatee fi jiraattotaaf mijooftuu taate ijaaruuf yaaliin taasifameera jedhan.

Adeemsa kana keessatti qormaatilee fi bu’aa bahiin hedduun mudatanis qormaatilee carraatti jijjiiruudhasan dameelee addaddaatiin bu’aaleen qabatamaan dhufuusaanii ibsaniiru.

Hojiileen riifoormii gama dinagdee, siyaasaa fi dippilomaasiitiin adeemsifamuusaanii eeranii, sirni dinagdee hunda hammatee fi biyya keessaa hordofuun hojiin milkaa’aa hojjetameera jedhan.

Dirree siyaasaa bal’isuuf ijaarsi dhaabbilee demokiraasii fi seera fooyyessuun taasifamanii ijaarsi sirna demokiraasii hunda hirmaachise lafa qabsiisuun danda’ameera jedhan.

Qormaatilee biyyaalessaa fi idil addunyaa carraatti jijjiiruun dhiibbaa idaa salphisuun fi oomishtummaa guddisuun raawwiin olaanaa galmaa’uu kaasanii, keessumaa bu’aaleen gama  misooma qamadii, bunaa, kuduraa fi muduraa akkasumas ashaaraa magariisaatiin argaman akka fakkeenyaatti eeraniiru.

Milkaa’inni qabeenya tuurizimii fayyadamuu, dhaala leemataa, hirmaannaa damee dhuunfaa gama guddisuutiin galmaa’es iddoo guddaan kan kennamuuf ta’uu ibsaniiru.

Gama dinagdeetiin yaanni addaddaa akka kabajamu, aangoon caalmaa yaadaatiin akka qabamu haalli mijataan uumamuusaa adeemsi filannoo biyyaalessaa filannoo marsaa 6ffaarratti mul’ate kaasaniiru.

Gama dippilomaasiitiin dippilomaasii hariiroo walta’iinsaa biyyoota ollaa dursee fi dippilomaasii lammiirratti xiyyeeffate hordofuun faayidaa biyyaalessaa egeree Itiyoophiyaa, bulchiinsa tokkummaa fi birmadummaa kabachiisuuf yaaliin taasifamuu ibsaniiru.

Fuula duras mootummaan hojiiwwan milkaa’oo jalqabaman itti fufsiisuun qormaata dura dhaabachuun mo’achuun Itiyoophiyaa badhaate dhugoomsuuf kutannoon akka hojjetu obbo Adam Faaraah mirkaneessaniiru.

Ijaarsi dhaabbilee fi aadaa demokiraasii cimsuun, oomishtummaa dabaluun hannaa fi finxaalessummaa irratti qabsaa’uun, olaantummaa seeraa kabachiisuun hojii ijoo ta’anii akka itti fufan ibsaniiru.

Dhimmoota ijoo ta’anirratti waliigaltee uumuu, mariin biyyaalessaa akka milkaa’u hojjechuu fi imaammanni haqa cehumsaa hojiirra oolee kaayyoo dhaabateef akka milkeessu gama gochuutiin yaaliin mootummaa cimee akka itti fufu ibsaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015