Hawaasni Addunyaa Yaalii Itiyoophiyaan nageenya waaraa buusuuf taasiftu amantaa guutuun deeggaraa jira- ministeera dhimma alaa

133

Bitootessa 21/2015(TOI) - Hawaasni Addunyaa Yaalii Itiyoophiyaan nageenya waaraa buusuuf taasiftu amantaa guutuun deeggaraa akka jiru dubbi himaan ministeera dhimma alaa ambaasaaddar Mallas Alam ibsan.

Dubbi himaan ministeera dhimma alaa ambaasaaddar Mallas Alam dhimmoota wayitaawaa dippilomaasii irratti ibsa tornabii kennaniiru.

Ibsa Kanaan dippilomaasii lammiirratti xiyyeeffateen lammiilee Saa’udii Arabiyaarraa deebisuun erga jalqabamee waggaa tokko kan guute yoo ta’u, yeroo kana keessatti lammiilee Itiyoophiyaa kuma 125 biyyatti deebisuun akka danda’ame dubbataniiru.

Torbeen kunis gama dippilomaasii nageenyaa, dinagdee fi siyaasaa sochiin cimaan kan itti taasifamedha jedhaniiru.

Hawaasni addunyaa yaalii Itiyoophiyaan nageenya waaraa buusuuf taasisaa jirtu amantaa guutuun deeggaraa akka jiru dubbataniiru.

Waraana Kaaba Itiyoophiyaa ture egereef dhaabsisuuf waliigaltee nageenyaa Piriitooriyaatti mallatteeffame gama raawwachuutiin mootummaan hojiiwwan hedduu hojjechuusaa kaasaniiru.

Tajaajiloota bu’uraa hojiitti galchuun danda’amuu akkasumas bulchiinsi yeroo Tigraayi hundaa’uunsaa abbootii qabeenyaa biyya alaa hawachuuf faayidaansaa olaanaa ta’uu s dabalanii ibsaniiru.

Ministeerri dhimma alaa qaamolee deeggartootaa qaamolee deeggartootaa waliin ta’uun dippilomaasii nageenyaa fi dinagdee walitti hidhuun hojjechaa akka jiru ibsaniiru.

Itiyoophiyaan naannichatti nagaa fi tasgabbii gama buusuutiin waliin misoomsuuf biyyoota olla waliin waliin nihojjetti jedhaniiru.

Keessumaa dhimma daangaa Sudaan waliin jiru karaa nagaa hiikuuf yaaliin taasifamaa akka jiru ibsaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015