Manni maree Bakka bu’oota ummataa abba murtii mana murtiisadarkaa tokkoffaa federaalaa kan turan obbo Faantaahuun Delelewu Shifarraawu hojiirraa gaggeesse - ENA Afaan Oromoo
Manni maree Bakka bu’oota ummataa abba murtii mana murtiisadarkaa tokkoffaa federaalaa kan turan obbo Faantaahuun Delelewu Shifarraawu hojiirraa gaggeesse

Bitootessa 21/2015(TOI) - Manni maree Bakka bu’oota ummataa abba murtii mana murtiisadarkaa tokkoffaa federaalaa kan turan obbo Faantaahuun Dellelewu Shifarraawu hojiirraa gaggeessuusaa beeksise.
Manni marichaa walghii idilee 12ffaa gaggeessaa jira.
Mana marichaatti walitti qabduun koree dhaabbii dhimmoota seeraa fi haqaa adde Itsagannat Mangistuu abbaa murtii mana murtii sadarkaa tokkoffaa federaalaa kan turan obbo Faantaahuun Dellelewu Shifarraawu yaada murtii hojiirraa ittiin gaggeeffaman walgahii kanarratti dhiheessaniiru.
Obbo Faantaahuun danbii naamusaa himata naamusaa abbootii murtii darbuun fidirqama haqummaa darbuun iyyataarraa biirrii kuma 100 fudhachuunsaanii ragaadhaan mirkanaa’eera jedhaniiru.
Manni marichaas gabaasa yaada murtii dhihaateef erga dhaggeeffatee booda yaada murtii obbo Fantaahuun Dellelewu Shifarraawu ittii hojiirraa gaggeeffaman lakkoofsa 13/205 gochuun sagalee guutuun raggaasuusaa odeeffannoon fuula marsariitii mana maree bakka bu’oota ummataa irraa argame nimul’isa.