Sirni kaffaltii elektirooniksii boru buufata boba'aa filatamanitti ni eegala - ENA Afaan Oromoo
Sirni kaffaltii elektirooniksii boru buufata boba'aa filatamanitti ni eegala
Bitootessa 21/2015(TOI) – Sirna kafaltii boba’aa guutummaatti sirna kafaltii elektirooniksiin raawwachuun boruu eegalee buufata boba'aa filatamanitti sadarkaa yaaliitti akka hojiirra oolu ministeerri geejjibaa fi lojistiiksii beeksise.
Kanaafis qophiileen barbaachisan xumuramuusaanii ministeerichi ibsa tajaajila oduu Itiyoophiyaaf ergeen beeksiseera.
Haala Kanaan sagantaan hojmaata kana ifoomsu boru sa’aatii 8:00 irraa eegalee buufata boba’aa addaddaa Finfinneetti argamanitti akka raawwatamu himaniiru.
Ministeerri geejjibaa fi loojistiiksii, ministeerri daldalaa fi walitti hidhamiinsa naannolee fi hooggantoonni Itiyoo-Telekoom sagantaa kafaltii boba’aa sirna elektirooniksii ifatti akka jalqabsiisan beekameera.