Rakkoo sirna nyaataarratti mul’atu furuuf hojjetamaa jira- ministeera fayyaa

194

Bitootess 21/2015(TOI) - Rakkoo sirna nyaataarratti mul’atu furuuf xiyyeeffatamee hojjetamaa akka jiru ministeerri fayyaa beeksise.

Woorkishooppiin sirna nyaataa fi hir’ina ilamantiiwwan nyaata keessatti argamanii (Micronutrient deficiency) irratti xiyyeeffate bakka miseensonni mana maree bakka bu’oota ummataa argamanitti gaggeeffameera.

De’eetaan ministiraa ministeera fayyaa doktar Darajjee Dhugumaa woorkishooppii kanarratti akka jedhanitti, xiyyeeffannoo guddaa kenninee hojjechaa kan jirru keessaa inni tokko dhimma sirna nyaataati jedhaniiru.

Ministeerri fayyaa rakkoo sirna nyaataarratti mul’atu furuuf xiyyeeffatee hojjechaa akka jiru doktar Darajjeen eeraniiru.

Keessumaa quucaruu fi hir’ina qaamaa gama hir’isuutiin ministeerri fayyaa qaamolee qooda fudhattootaa waliin qindaa’uun xiyyeeffatamee hojjetamuusaatiin fooyyeen akka jiru ibsaniiru.

Dhimmoota sirna nyaataa xiyyeeffannoo hinargannee fi irratti hin hojjetamne keessaa hir’inni ilamantootaa nyaata keessatti argamanii (Micronutrient deficiency) isa olaanaadha jedhan.

Hir’inni ilamantootaa daa’immanii fi dargaggoonni damee barumsa, kalaqaa fi qorannootiin bu’aqabeessa akka hintaane isaan taasisa jedhan doktar Darajjeen.

Keessumaa haadholiin heedduu hanqina dhiigaatiin waggaawaggaatti lubbuusaanii kan itti dhabvan keessaa tokko hir’inni ayiranii sababa olaanaa ta’uu eeraniiru.

Damee fayyaatiin dhimma kanaaf xiyyeeffannoon olaanaa kennameefii akka hojjetamu ibsaniiru.

Miidhaa rakkoon sirna nyaataa geessisu qolachuuf miseensonni paarlaamaa qooda olaanaa akka qaban  doktar Darajjeen beeksisaniiru.

Biyya keenyatti balaawwan uumamaa fi namtolchee wayita uumaman dubartoota ulfa, haadholii hoosisanii fi daa’imman gama gargaaruutiin miseensonni paarlaamaa xiyyeeffatanii akka hojjetan gaafataniiru.

Itiyoophiyaatti daarektarri olaantuu hoop- S.B.H (HOPE-SBH Ethiopia) adde Beezaa Beshaa gamasaaniin daa’imman biyya keenyaa dhibbantaa 50 ta’an hir’ina fooliik asiid waliin akka dhalatan ibsaniiru.

Kun ammoo rakkoolee fayyaa qaamaa fi sammuu akkasumas rakkoolee fayyaa ulfaataa fi walxaxaaf akka saaxilaman sababa ta’a jedhaniiru.

Biyya keenyatti sababoota fayyaa fi Kanaan walqabatan ofirraa hir’isuu dandeenyuun daa’imman, dubartoonnii fi dargaggoota hedduu akka salphaatti dhabnee dinagdeen biyyaa miidhamaa akka jiru daarektarri olaantuu kun ibsaniiru.

Keessumaa miseensonni mana maree bakka bu’oota ummataa yeroo to’annoo,  hordoffii fi qorannoo dhimma sirna nyaataa ajandaa xiyyeeffannoo taasisanii hojjechuu qabu jedhaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015