Sagantaan ijaarsa wiirtuuwwan taphaafi ispoortii dargaggootaa fi daa'immanii "Dhaloota Dabalataa" magaalaa Findinneetti gaggeeffamaa jira

362

Bitootessa  21/2015(TOI) - Sagantaan ijaarsa wiirtuuwwan taphaa fi ispoortii dargaggootaa fi daa'immanii "Dhaloota Dabalataa" galii gurgurtaa kitaaba “dhaloota ida’amuu” irraa Argamuun magaalaa Findinneetti gaggeeffamaa jira.

 Sagantaa Kanaan kutaa magaalaa 11 keessatti ijaarsa jiddugala kanaaf dhagaan bu’uraa kaa’ameera.

Kantiibaan magaalaa Finfinnee adde Adaanechi Abeebee kutaa magaalaa Nifaas silki laaftoo aanaa tokko iddoo Qoshee jedhamutti dirree Teenisii, kutaa magaalaa Eekkaa aanaa tokko Dirree Faransaayi Iyyasuus fi kutaa magaalaa Boolee aanaa lama ijaarsa jiddugaleessa  taphaa fi Ispoortiif dhagaa bu’uraa kaa’aniiru.

Galiin kitaaba “Dhaloota Ida’amuu” irraa argamu dargaggootaa fi daa’immaniif bakka bashannanaa ijaaruuf akka oolu ministirri muummee Abiyyi Ahimad kennaa taasisuusaanii Kantiibaa Adaanech yaadataniiru.

“Kitaabni kun kan gurguramu galii argachuuf qofa osoo hinta’iin yaada hedduu kan ofkeessaa qabu dhaloonni kan ittiin qaramudha” jedhan.

Hojiileen gaarii fi hir’uu dhaloonni darbe hojjete jiru kan jedhan kantiibaa Adaanech, waan gaarii isaanirraa barachuun dhaloota biyya ijaaru uumuuf yaadaa fi bakka mijaa’aa akka barbaachisu ibsaniiru.

Jiddugaleessonni taphaa fi Ispoortii dargaggootaa fi daa’immanii ijaaraman baatii sadii keessatti xumuruuf karoorfamuun ibsameera.

Kantiibaa bulchiinsa magaalaa Finfinnee adde Adaanech Abeebee dabalatee hooggantoonni bulchiinsa magaalaa Finfinnee, jiraattonni akkasumas keessummoonni waamichi taasifameef argamaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015