Durat Taa’aan Gamtaa Afriikaa Ammaa Pirezidaantiin Komoroos Finfinnee Dhufaniiru - ENA Afaan Oromoo
Durat Taa’aan Gamtaa Afriikaa Ammaa Pirezidaantiin Komoroos Finfinnee Dhufaniiru

Bitootessa 21/2015(TOI) - Durat Taa’aan Gamtaa Afriikaa Ammaa Pirezidaantiin Komoroos Aziilii Asoomaanii kaleessa galgala Finfinnee Dhufaniiru.
Pirezidaantichi buufata Xiyyaaraa Boolee wayita gahan de’eetaan ministira biyya alaa ambaasaaddar Misgaanuu Araggaa simataniiru.
Pirezidaanti Azaalii Finfinnee kan dhufan Itiyoophiyaa fi Afriikaatti daawwannaa hojii taasisuuf akka ta’e odeeffannoon ministeera dhimma alaarraa arganne numul’isa.