Itiyoophiyaatti Ispoortiin Atileetiksii fageenya gabaabaa xiyyeeffannoo dhabuusaatiin Atileetonni gara dorgommii jiddugaleessaa fi fageenya dheeraatti galuuf dirgamaa jiru

363

Bitootessa 20/2015 (TOI) - Itiyoophiyaatti Ispoortiin Atileetiksii fageenya gabaabaa xiyyeeffannoo dhabuusaatiin Atileetonni gara dorgommii jiddugaleessaa fi fageenya dheeraatti galuuf dirgamaa akka jiran leenjistoonni addaddaa dubbatan.

Federeeshiniin Atileetiksii Itiyoophiyaa gamasaatiin Itiyoophiyaan fageenya gabaabaan bu’aqabeessa akka taatu fuula dura cimanii hojjechuu barbaachisa jedheera.

Biyyoota addunyaa Ispoortii atileetiksii dheeraatiin maqaa guddaa qaban keessaa Itiyoophiyaan dursarratti argamti.

Fageenya dheeraatiin maqaa fi seenaa olaanaa qabaattus keessumaa hirmaannaa fi dorgommiin  atileetiksii ispoortii fageenya gabaabaa fi dirreetiin qabdu dadhabaa ta’uusaa ogeessonni damee kanaa nidubbatu.

Leenjiftoota atileetiksii TOI’n dubbise keessaa leenjisaa inispeektara olaanaa Abdulshikur Tamaam dorgommiin atileetiksii fageenya gabaabaa amma kanatti xiyyeeffannoo akka hin arganne ta’uu nidubbatu.

Dorgommiiwwan hedduun kan taasifaman biyya keessatti qofa kan daangeffaman waan ta’aniif fageenya Kanaan atileetota argachuuf rakkisaadha jedhaniiru.

Sababa Kanaan atileetonni hedduun fageenya gabaabaarraa gara dorgommiiwwan jiddugaleessaa fi fageenya dheeraatti galuuf dirqamuusaanii leenjisaan kun ibsaniiru.

Leenjisaa Geetaachoo Mulugeetaa gamasaaniin fageenyi gabaabaa gosoota ispoortii sadarkaa idil addunyaatti dorgommii hedduu qaban keessaa tokko ta’us Itiyoophiyaatti garuu xiyyeeffannoon akka hinkennamneef ibsaniiru.

Ispoortii fageenya gabaabaatiif barbaachisaa kan ta’an keessaa hanqinni tiraakii shaakallii fi meeshaalee leenjii jiraachuu eeraniiru.

Akka biyyaatti fageenya dheeraaf xiyyeeffannoon waan kennamuuf fageenya gabaabaan bu’aqabeessa ta’uun akka hindanda’amne kan dubbatan ammoo leenjisaa Waxxaree Galaalchaati.

Kanaaf osoo damee kanaaf xiyyeeffannoon kennameefii waltajjiiwwan Ardii fi idil addunyaatti atileetota Itiyoophiyaa bakka bu’an hedduu argachuun akka danda’amu nidubbatu.

Federeeshiniin atileetiksii Itiyoophiyaa gamasaatiin , Itiyoophiyaan fageenya gabaabaan bu’a qabeessa akka taatu fuula dura hojii guddaatu eegama jedhaniiru.

Federeeshinichatti daarektarri barnootaa fi leenjii Saamu’eel Birhaanuu, leenjii damee kanaaf dandeettiiwwan addaddaa teekniikawaa ta’an kan gaafatu ta’uu eeranii, filannoon atileetotaas madaallii saayinsaawaatiin deeggaramee nihojjetama jedhaniiru.

Gama Kanaan federeeshinichi fageenya gabaabaa qofa osoo hinta’iin hojii dirreerraa fi fageenya dheeraa dabalatee caalaatti hojjechuuf qophaa’eera jedhan.

Guddina Ispoortiif daa’imummaarraa eegalee hojjechuun waan barbaachisuuf yeroo ammaa sadarkaa yaaliitti leenjiin Ispoortii Atileetiksii daa’immanii jalqabamuusaa daarektarichi ibsaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015