Dargaggoonni gochaaleefi barmaatilee fayyaa isaanii miidhan irraa akka fagaataniif qindoominaan hojjetamaa jira jedhame. - ENA Afaan Oromoo
Dargaggoonni gochaaleefi barmaatilee fayyaa isaanii miidhan irraa akka fagaataniif qindoominaan hojjetamaa jira jedhame.

Bitootessa 20/2015(TOI) :- Dargaggoonni gochaaleefi barmaatilee fayyaa isaanii miidhan irraa akka fagaataniif Ministeerri Fayyaa, Dhimmi dubartootaafi Hawaasummaafi Barnootaa waliin hojjechaa akka jran himame.
Mariin qooda fudhattootaa rakkoolee heeruma yeroo maleefi ulfa dargaoota xobbeen gahirratti xiyyeeffate magaalaa Bishooftuutti geggeeffameera.
Ministeera Fayyaatti itti gaafatamaan kutaa Fayyaa Walhormaataa, Karoora Maatii fi Fayyaa Dargaggootaa doktar Alamaayyoo Hundee TOItti akka himanitti,Ulfi dargaggoota xobbeefi heerumni yeroo malee fayyaa dargaggootarraatti rakkoo uumaa jira.
Kun immoo dargaggootaarratti rakkoo fayyaa dhaabbataa fiduu waan danda’uuf, manneen barnootaa irraa eegaluun qooda fudhattoonni qindoominaan hojjechuun barbaachisaadha jedhaniiru.
Ministeerri Fayyaa tarsiimoo fayyaa walhormaataafi dargaggoota xobbee waggaa shaniif turu qopheessuun qooda fudhattoota waliin qindoominaan hojiirra oolchaa jiraachuu ibsaniiru.
Ministeera Dhimma Dubartootafi Hawaasummaatti itti gaafatamaan kutaa misooma dargaggootaa obbo Abdulaaxiif Muhaammad gama isaaniin imaammanni dargaggootaa ministeerichaan qophaa’ee fayyaa fi misooma dargaggootarratti xiyyeeffatee hojjetamaa akka jiru himaniiru.
Rakkoo fayyaa dargaggootaarra gahuu ittisuuf Yuunivasiitiiwwan dabaltee Dhaabbilee adda addaarra kan walitti dhufan koree hundeesuun gara hojiitti galchaa jiraachuus himaniiru.
Dargaggoota manneen barnootaan alatti argamanis qaqqabuuf tattaaffiin taasifamaa akka jiru himanii, wiirtuuleen jiddugala dargaggootaas tajaajila barnoota fayyaa dargaggootaaf akka dhiheessan taasifamaa jira jedhaniiru.
Kana malees, tajaajila fayyaa dargaggoota irratti xiyyeeffate dhaqqabamaa taasisuun hawaasni rakkoo heerumaa yeroo maleen fi ulfa dargaggoota xubbeen dhufu irratti akka hubannoo argatu taasisuun qaama furmaataa akka ta’uuf hojiin hubannoo uumuu hojjetamuu eegalameera jedhan.
Ministeera Barnootaatti ogeettiin raawwii hojii dubartootaa fi hammatamuumaa dargaggootaa Aadde Alamtsayii Aniwoo akka jedhanitti, dargaggoonni fayyaa qabeeyyiifi naamusa gaariin guddatanii akka biyya isaaniif bu'aa buusaniif hojjetama jira.
Rakkoon fayyaa dargaggoota adeemsa barumsaa irratti dhiibbaa hamaa akka qabu eeruun naannoo manneen barnootaa sochiiwwan miidhaa geessisan waliin ta’uun ittisuun barbaachisaa ta’uu eeraniiru.