Manni maree nageenyaa naannoo Beeniishaangul Gumuz haalota sochii daldalaa seeraan alaa fi namoota deddeebisuu to’achuun danda’amurratti mari’ate - ENA Afaan Oromoo
Manni maree nageenyaa naannoo Beeniishaangul Gumuz haalota sochii daldalaa seeraan alaa fi namoota deddeebisuu to’achuun danda’amurratti mari’ate

Bitootessa 20/2015 (TOI) - Manni maree nageenyaa naannoo Beeniishaangul Gumuz haalota sochii daldalaa seeraan alaa fi namoota deddeebisuu to’achuun danda’amurratti mari’atee kallattii kaa’uunsaa ibsameera.
Manni maree nageenyaa kun keessumaa sochii daldalaa seeraan alaa fi namoota deddeebisuu naannichatti mul’atu to’achuuf hojiin qindoominaa akka eegamu himameera.
Manni marichaa sochii daldalaa seeraan alaa fi namoota deddeebisuu to’achuuf karoora baatii sadan dhufan hojjetamu ilaalchisuun kan mari’ate yoo ta’u, kallattiiwwan xiyyeeffannoo hordoffii fi to’annoo qindaa’aa taasisuu dandeessisan kaa’eera.
Pirezidaantii naannoo Beeniishaangul Gumuuz Ashaadlii Hasan dabalatee hooggantoonni olaanoo damee nageenyaa federaalaa fi naannoo waltajjii kanarratti argamuusaanii odeeffannoon waajjira dhimmoota komunikeeshinii naannichaarraa argame nimul’isa.