Warshaan Simintoo Intarnaashinaalii Lamii saffisaan hojiitti akka galuuf mootummaan deeggarsa barbaachisu ni taasisa

158

Bitootessa 20/2015 (TOI) :- Warshaan Simintoo Intarnaashinaalii Lamii saffisaan hojiitti akka galuuf mootummaan deeggarsa barbaachisu kan taasisuuf ta'uu Ministirri Magaalaa fi Bu’uuraalee misoomaa aadde Caaltuu Saanii beeksisan.

Har'a jilli qondaaltota mootummaa Ministira Magaalaa fi Bu’uuraalee misoomaa aadde Caaltuu Saaniitiin durfamu adeemsa ijaarsa Warshaa Simintoo Intarnaashinaalii Lamii daawateera.

Warshaan Simintoo Intarnaashinaalii Lamii naannoo Amaaraa Godina shawaa Kaabaa Aanaa Insaroo dhiheenya Magaalaa lamiitti ijaaramaa jira.

Akka daawwannaa kanarratti ibsametti ijaarsi warshaan kun yeroo xumuramu warshichi guyyaatti simintoo hanga kuntaala kuma 150 oomishuuf dandeettii qaba.

Ijaarsi warshichaa erga jalqabee ji'a sadii yoo ta'u Waxabajjii dhufu ijaarsi isaa xumuramuun oomisha kan eegalu ta'uun himameera.

Ministirri Magaalaa fi Bu'uuraalee misoomaa Caaltuu Saanii; Warshaan kun saffisaan hojiitti akka galuuf mootummaan deeggarsa barbaachisu kan taasisu ta'uu beeksisaniiru.

Warshaan kun yeroo oomishaa jalqabu hanqina simintoo biyyattii keessatti mul’atu haalaan hir’isa jedhaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015