Qaamoleen raawwachiiftuu gaaffilee misoomaa, nageenyaa fi bulchiinsa gaarii lammiilee deebisuuf hojjechuu qabu- miseensota mana maree

145

Bitootessa 20/2015 (TOI) – Qaamoleen raawwachiiftuu mootummaa gaaffilee misoomaa, nageenyaa fi bulchiinsa gaarii lammiileen kaasaniif deebiin sirriin akka kennamuuf xiyyeeffatanii hojjechuu akka qaban miseensonni mana maree bakka ummataa hubachiisan.

Miseensonni mana maree walgahii idilee 11ffaa bara hojii mana maree bakka bu’oota ummataa 6ffaa irratti dhimmoota biyyaa fi haala yeroorratti ministira muummee Abiyyi Ahimadiif gaaffii dhiheessaniiru.

Gaaffilee harkifannaa ijaarsa bu’uraalee misoomaa, nagaa fi nageenya, qaala’insa jireenyaa fi daballii gatii akkasumas waliin jireenya ilaalchisuun miseensonni mana maree ummataa kaasaniif ministirri muummee Abiyyi Ahimad deebii fi ibsa kennaniiru.

Miseensi mana maree kan ta’an obbo Fireew Tasfaayee fi doktar Kafanaa Ifaa TOI’f yaada kennaniin, miseensonni mana maree marii ummata isaan filate waliin taasisaniin rakkooleen nageenyaa, jireenyaa, bu’ura misoomaa fi bulchiinsa gaarii ka’uusaanii ibsaniiru.

Qaamoleen raawwachiiftuus rakkooleen nageenyaa, jireenyaa, bu’ura misoomaa fi bulchiinsa gaarii jireenya ummataa guyya guyyaarratti dhiibbaa geessisaa jiran deebii akka argatan xiyyeeffatanii hojjechuu akka qaban hubachiisaniiru.

Rakkooleen nagaa fi nageenyaa ka’aa jiraniif deebii sirrii kennuudhaan sochiin lammiilee  mijataa akka ta’u hojjechuun xiyyeeffannoon kennamuufii akka qabu hubachiisaniiru.

Hanqinoota bu’uraalee misoomaa ummanni irradeddeebi’ee hadheeffatuuf deebii kennuun qaamolee raawwachiiftuu mootummaarraa kan eegamu imaanaa mootummaa fi ummataati jedhan.

Kanaaf lammiin hundi gamtaa fi tokkummaan hojjechuun nageenyaa fi misooma biyyaa itti fufsiisuuf yaalii taasifamuun deeggaraa ta’uu akka qabu miseensi mana maree doktar Kafanaa Ifaa fi doktar Birihaane Masqal Xannaa ibsaniiru.

Bu’uraalee misoomaa jalqabamanis yeroo fi bajata qabameefiin xumuruun sochii gabaa fi sochii waliigalaa karaa nagaa akka ta’u gochuun akka barbaachisu kaasaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015