Misooma Qamadii irratti xiyyeeffannoofi cimanaan hojjechuun Itoophiyaa deeggarsaan Qamadii barbaadduurraa gara oomisha qamadii gabaa alaaf dhiheessuutti ceesisuun danda'ameera. - ENA Afaan Oromoo
Misooma Qamadii irratti xiyyeeffannoofi cimanaan hojjechuun Itoophiyaa deeggarsaan Qamadii barbaadduurraa gara oomisha qamadii gabaa alaaf dhiheessuutti ceesisuun danda'ameera.

Bitootessa 20/2015 (TOI) :- Misooma Qamadii irratti xiyyeeffannoofi cimanaan hojjechuun Itoophiyaa deeggarsaan Qamadii barbaadduurraa gara oomisha qamadii gabaa alaaf dhiheessuutti ceesisuun danda'amuu Ministirri Qonnaa doktar Girmaa Amantee himan.
Itoophiyaan lammilee isheef daabboo dhiheessuuf waggaatti Qamadii kumtaalaa miliyoona 17 gabaa alaarra galchuuf doolaara miliyoonaa 700 baasii gochaa boqonnaan isheen turte cufameera jedhaniiru.
Jijjiramaa siyaas- dinagdee Itoophiyaatti waggoota muraasaan dura jalqabamee hordoofuun dameewwan jijjiramni guddaan irratti argamee keessa Misooma Qamadii, Ashaaraa Magariisaafi Sagantaan Maaddii Guutuu kanneen eeramanidha.
Ministirri Qonnaa Doktar Girmaa Amantee turtii TOI waliin taasisaniin milkaa'inni misooma oomisha qamadiirratti argamee milkaa'ina guddaa Itoophiyaa gara boqonnaa haaraatti ceesisedha jedhaniiru.
Kutanoofi xiyyeeffannoo ministirri Muummee FDRI doktar Abiy Ahimad misooma qamadiirratti agarsiisaaniin Itoophiyaan Qamadii Deeggarsaan argachuurra gara gabaa alaatti dhiheesuutti ishee ceesiseera jedhaniiru.
Bakka argama Qamadii kan taate Itoophiyaan waggoota hedduuf oomisha qamadii haala barbaadamuun oomishuu dadhabu isheen biyya alaa galcha akka turte yaadachiisanii, boqonnaan seenaa kun amma cufameera jedhaniiru.
Ministirri Muummee Dr. Abiy Ahimad gaaffilee miseensonni mana maree bakka bu’oota uummataatiin kaleessa dhiyaataniif deebii yeroo kennaan akka himanitti, bara kana yeroo bonaafi Gannaan Qamadiin haala karoorfame ol caalaa akka oomishame himaniiru.
Omishinni qamadii galtee gabaa biyyaa keessarraa hafee Itoophiyaan yeroo jalqabaaf oomisha ishee gabaa alaatiif dhiheesuu ishees himaniiru.
Ministirri Qonnaa Doktar Girmaa Amatee akka himanitti milkaa’inni misooma qamadii irratti galmaa’e kutannoofi xiyyeeffannoo hoggansa, dhaabbilee qorannoo fi oomishtootaan kan argamedha jedhaniiru.