Dhaabbileen Faayinaansii Damee Qonnaaf Birrii Biiliyoona 92 Liqeesseera-Ministira muummee doktar Abiyyi Ahimad

145

Bitootessa 19/2015 (TOI) – Baatii jahan bara bajataa kanatti dhaabbileen Faayinaansii damee dinagdeef birrii biiliyoona 92 liqeessuusaanii ministirri muummee doktar Abiyyi Ahimad ibsan.

Ministirri muummee Abiyyi Ahimad walgahii idilee manni maree bakka bu’oota ummataa adeemsiseen gaaffilee miseensota mana maree bakka bu’oota ummataarraa ka’eef deebii fi ibsa kennaniiru.

Bara bajataa kanatti dhaabbileen faayinaansii guddina fayyaalessaa galmeessisuusaanii eeranii, birrii biiliyoona 311 liqeessuusaanii dubbataniiru.

Kun ammoo kan bara bajataa bardheengaddaa waliin wayita madaalamu dachaan dabaluusaa kaasaniiru.

Kana malees dhaabbileen misoomaa liqii kennan keessaa birrii biiliyoona 172 sassaabuusaanii dubbataniiru.

Baankonni liqiisaanii dhibbantaa 90 damee dinagdee dhuunfaaf oolchuusaanii kaasanii, kun ammoo misooma Itiyoophiyaaf ga’ee guddaa qaba jedhaniiru.

Keessumaa dinagdee biyyattii keessatti murteessaa kan ta’e damee qonnaa fi birrii biiliyoona 92 kan liqeessan yoo ta’u, kan bardheengaddaarra daballii dhibbantaa 29 agarsiisuu ibsaniiru.

Intarpiraayizoota xiqqaa fi maayikiroof liqiin birrii biiliyoona 39 dhihaachuu himaniiru.

Guddinni damee faayinaansii fayyaalessa ta’uu eeranii, ta’us kufaatii baankiiwwan sadarkaa addunyaatti jiranirraa barachuu fi ofeeggachuun akka barbaachisu yaadachiisaniiru.

Baankiin biyyaalessaa fi ministirri maallaqaas fayyaalessummaan baankolee eegamuu sirna dinagdee biyyaaf ga’ee uddaa waan qabuuf sirnaan to’achuu akka qaban eeraniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015