Qaala’insa gatii hir’isuuf hojjetamaa jira- Ministira muummee Abiyyi Ahimad

Bitootessa 19/2015 (TOI) – Mootummaan qaala’insa gatii hir’isuuf hojiiwwan addaddaa hojjechaa akka jiru ministirri muummee Abiyyi Ahimad ibsan.

Ministirrii muummee biyyi Ahimad gaaffii miseensota mana maree bakka ummataarraa ka’aniif deebii fi ibsa kennaniiru.

Gaaffiiwwan kanneen keessaa tokko dhimma qaala’iinsa gatii kan ilaallatudha.

Ministirri muummee doktar Abiyyi Ahimad deebii fi ibsa kennaniin qaala’iinsa gatii xiqqeessuuf hojiiwwan mootummaan hojjechaa jiru ibsaniiru.

Haala Kanaan qaala’iinsa gatii itityoophiyaatti mudate lammiilee jireenya gadi aanaa jiranirratti miidhaa geessisaa jiru mootummaan nihubata jedhaniiru.

Rakkoon qaala’iinsa jireenyaa amma mul’ate waggoota 29 darban qaala’insi gatii walirraa hincinne uumamuusababa tokko akka ta’e eeraniiru.

Kana malees ulaa shamattootaa fi oomishtoota jidduu jiru sirreessuun dadhabamuun ala waraanni, ongeen, deeggarsi gargaartotaa hir’achuu magaalaatti godaanuun qaala’iinsa gatiif sababoota olaanoodha jedhaniiru.

Furmaatonni kanaaf dhihaatanis dhiheessiirratti bal’inaan hojjechuu, sirna jiddugaleessa nyaataa fi maaddii qooddachuu bal’isuurratti hojjetamaa akka jiru ministirri muummee Abiyyi ibsaniiru.

Qaala’iinsa jireenyaa hir’isuuf deeggarsi addaddaa taasifamaa jiraachuu eeranii, agarsiiftuun kanaas baatiiwwan saddet darban birriin miiliyoona 50 ol deeggarsi taasifamuu eeraniiru.

Haala Kanaan konkolaattonni kuma 133 ta’an deeggarsa kanatti fayyadamaa ta’uusaanii ibsaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015