''Maaddii Dhalootaafiin'' Pirojektoonni bakka gahumsa turizimii haaraan saddeet sadarkaa biyyaatti ni hojjetamu.

170

Bitootessa 19/2015 (TOI) -''Maaddii Dhalootaafiin'' Pirojektoonni bakka gahumsa turizimii haaraan saddeet sadarkaa biyyaatti kan hojjetaman ta'uu Ministirri Muummee FDRI doktar Abiy Ahimad

gaaffilee Mana Maree Bakka Bu'oota UmmataaN gaafataniif deebii yeroo kennan himan.

Pirojeektoota kanaaf adeemsa ji'a tokko hin guunne keessatti birriin biliyoonni 5 walitti qabamuu himaniiru.

Pirojektoota saddeet kana keessaa lama invastaroota dhuunfaatiin kan hojjetaman ta’uus Ministirri Muummee ibsaniiru.

Pirojektoonni kunneen inaannoo Tigraay "Gara Altaa", naannoo Oromiyaa Jimmaa, naannoo Amaaraa "Haayiq", naannoo Kibbaa "Arbaaminci", Affaar fi naannoo Somaalee keessatti kan raawwataman ta'uu ibsaniiru.

Kana malees, qaama pirojektichaa kan ta'an naannoo Beenishaangul Gumuz, naannawwa Hidha haaromsaa guddichattifi naannoo Kibba Lixa Itoophiyaatti invastaroota dhuunfaatiin kan misooman ta’uu eeraniiru.

Pirojektoonni kunneen sochii turizimii Itoophiyaa haalaan kan kakaasan ta’uufi lammiileen damee kanarraa caalaatti fayyadamoo akka ta’an kan taasisan ta'uu eeraniiru.

Itoophiyaanonni pirojektoonni kun galma barbaadame akka gahaniif akka deeggaran waamicha dhiyeessaniiru.

Gama biraatiin qaamaa ''Maadii Biyyaaf'' kan ta'an piroojektoonni Gorgoraa, Wancii fi Kooishaa sadarkaa qulqullinaa isaaniif kaa'ameen hojjetamaa akka jiran himaniiru. Isaan keessa garri tokko yeroo muraasa booda tajaajilaaf banaa ta'u jedhaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015