Hanqinni oomishaalee qonnaa dhiheenya magaalaa Finfinneetti mudate rakkoo nam tolcheedha.

126

Bitootessa 19/2015 (TOI) :- Hanqinnii oomishaalee qonnaa dhiheenya magaalaa Finfinneetti mudate rakkoo nam tolchee malee kan uumamaa akka hin taane Ministiorri Muummee FDRI doktar Abiy Ahimad himan.

Ministirri Muummee FDRI doktar Abiy Ahimad gaaffiilee miseensoota mana maree bakka bu'oota uummatarraa dhihaateef deebii kennaniinru.

Gaaffilee miseensonni mana marichaa kaasan keessaa hojjettoonni mootummaafi lammiileen galii gadi aanaa qaban sababa qaala'iinsa jireenyaatiin dhiibbaa guddaa jala jiraachuudha.

Doktar Abiy Ahimad ibsa kennaniin, Rakkoon hanqina oomishaalee qonnaa dhiheenya magaalaa Finfinneetti mudate hanqina nama tolche malee kan uumamaan akka hin taane himaniiru.

Keessattuu qonnaan bultoonniifi qooda fudhattoonni biroon gatii dabaluu kana caalaa dabaluu danda'a abdii jedhuun oomishaalee adda addaa dhoksuun qaala'iinsa gatii namtolchee uumaa jirachuu himaniiru.

Qorannoo taasifameen dhiheenya magaalaa finfinneetti qonnaan bultoonni Qamadii hanga kumtaalaa kuma 1 mana isaanii keessatti kuusaanii jiran jiru.

Itoophiyaan yeroo dhiyoo asitti qamadii baay’ee omishitee gara gabaa biyya alaatti jiraachuun gabaasa dirree irraa hubachuun akka danda'amu himanii, omishaaleen qonnaa biroos bal'inaan oomishamaa akka jiran hubachiisaniiru.

Namoonni hanqina namtolchee uumuun lammiilee irratti rakkoo fidaa jiran gocha isaanii irraa akka of qusatan gaafataniiru.

Mootummaan rakkicha furuun oomisha haala gahaa ta'een oomishuu, wiirtuuwwan nyaataa fi sirna qoodinsa nyaataa, akkasumas deeggarsa adda addaa babal’isuu itti fufa jedhaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015