Rakkoolee nageenyaa naannoo daangaa jiran karaa nagaafi mariin furuun hojii Itoophiyaan dursa laatuufidha. - ENA Afaan Oromoo
Rakkoolee nageenyaa naannoo daangaa jiran karaa nagaafi mariin furuun hojii Itoophiyaan dursa laatuufidha.

Bitootessa 19/2015 (TOI) :- Itoophiyaan hojiin dursa kenniteefii hojjettu tokko rakkoo nageenyaa naannoo daangaa jiru karaa nagaafi mariitiin hiikuudha jedhan Ministirri Muummee FDRI doktar Abiy Ahmad.
Ministirri Muummee FDRI doktar Abiy Ahimad gaaffilee miseensota mana maree bakka bu'oota uummataarraa dhimmoota adda addaa irratti dhihaataniif ibsaa fi deebii kennaa jiru.
Gaaffilee Ministira Muummeetiif dhiyaatan keessaa tokko rakkoo nageenyaa naannawwaa daangaa Sudaan fi Sudaan Kibbaatti mudatan ilaalchisuunidha.
Ministirri Muummee deebii kennaniin rakkoolee naannoo daangaatti mudatan hundaa karaa nagaa hiikuuf dursi kennamee hojjetamaa jiraachuu himaniiru.
Rakkoo daangaa Itoophiyaafi Sudaan irratti mudachaa jirtu hiikuuf komishiniin hundeeffamuus ibsaniiru.
Rakkoon Sudaan waliin mudate gaafa dhimmi daangaa daangessuu furmaata argatu dhaabbataadhaan kan furamu ta’uu himaniiru. Hangasitti namoonnii dhuunfaaf qonnaan bultoonni akka hin miidhamne ni hojjetama jedhaniiru.
Gama biraatiin "Ibsi mootummaan Sudaan Kibbaa Itoophiyaa weraree jira jedhamee dubbiin ka'e sirrii akka hin taane Ministirri Muummee doktar Abiy Ahimad himaniiru.
Qonnaan bultoonniifi Horsiisee bultoonni Sudaan kibbaa hongeen cimaan nu mudateera jechuun beelladootaa kuma 20 oofanii daangaa Itoophiyaa galuu himaniiru. Kana ilaalchisuun mariin bal'an kan geggeeffame yoo ta'uu gama kanaan rakkoon uumamuu hin jiru jedhaniiru.