Miidiyaaleen addunyaa kanarra jiran baay'eedha. Namni keessaa filatee itti fayyadamuu qaba

172

Bitootessa 19/2015 (TOI) :- Wal-gahii idilee 11ffaa mana maree bakka bu’oota uummataa taa’amaa jiruun Ministirri Muummee Dr. Abiy Ahimad gaaffiwwan miseensoota mana maree irraa dhihaataniif deebii kennaa jiru.

Gaaffiiwwan miidiyaalee ilaallataan miseensa mana mareerraa dhihaateefis yeroo deebisaan "Addunyaa kanarra miidiyaaleen jiran baay'eedha, namni kana keessaa addaan filatee dhaggeeffachuu qaba,"

Namoonnii miidiyaalee filatanii kan hin dhaggeeffannee yoo ta'ee gabasawwaan hin qulqulloofineef dogoggora ta'aan dhaggeeffachuuf carraan qaban guddaa ta'uu himaniiru.

Miidiyaaleen biyya keenyaa of qorachuu akka qaban eeranii miidiyaan akkuma bilisummaa qabu dirqamaafi itti gaafatamummaa qaba jedhaniiru.

Dhaabbileen miidiyaa tokko tokko nageenya booressuu keessatti gahee bahaa jiru kanaaf qaamni asirratti hojjetu to’annoof hordoffii taasisuu cimsuu qabas jedhaniiru.

Miidiyaaleen tokko tokko walitti bu'insoonni amma jiran yoo dhaabbatan walitti bu'insi waggoota 50 ture ni xiqqaata, Miidiyaaleen kunneen Morma irraa Hamartii fudhachuuf morma kan kutanidha isaan dhaggeeffachuu dhiisuun adabuu ni dandeenya jedhaniiru.

Miidiyaan waldhabdee uumuu qofa osoo hin taane, waldhabdee baabal'isu, yoo kun milkaa'uufi dide immoo waldhabdee gama seenaan jiru butatanii ka'u jedhaniru.

Kanaaf hojiin gama kanaan olaantummaa seera kabachiisuu cimaan abbaa taayitaa miidiyaalee Itoophiyaan eegalame cimuu akka qabus ibsaniiru.

"Miidiyaaleen keenya bal'inaan of qorachuu qabu" jedhan.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015