''Gara nagaanye waaraatti deemuuf hojiin hedduun hojjetamuu qaba''

156

Bitootessa 19/2015 (TOI) :- Ministirri Muummee Dr. Abiy Ahimad gaaffilee miseensonni Mana Maree Bakka Bu'oota Ummataa dhiyeessan irratti ibsaafi deebii kennaa jiru.

Yaa'ii idilee 11ffaa Mana Maree Bakka Bu'oota Ummataa har'a gaggeeffamaa jiru irratti gaaffii dhihaateefi yeroo deebii kennaan akka himanitti Itoophiyaatti haalli nageenyaa ji'oota jaha dura ture caalaa fooyya'insa gaarii qabaa jedhaniiru.

Ministirri Muummeen doktar Abiy Ahimad nagaa guutuu dhugoomsuuf hojiin hedduun hojjatamuu akka qabu eeranii, sanaaf kan ta'u tarkaanfiin tokko fuulduratti tarkaanfatamuusaas dubbataniiru.

Siyaasni Itoophiyaa waggoota 50 fi 60 darban keessa ture siyaasa shiraa fi siyaasa humnaa ta'uu himanii, "Nageenyi barbaachisaa ta'uu cimsinee amanna, nageenyi akkuma waraanaa gootummaa gaafata, akkuma waraanaa dadhabbii gaafata jedhaniiru.

Nageenyi akkasumaan hin dhufu, nageenyi gaariin humnaan hin dhufu kanaaf nageenya waaraa fiduuf hirmaannaa hundaa gaafata jedharu.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015