Ministirri muummee Abiyyi Ahimad gaaffiiwwan miseensota mana maree bakka ummataarraa ka’eef deebii kennaa jiru

164

Bitootessa 19/2015 (TOI)  -  Ministirri muummee Abiyyi Ahimad gaaffiiwwan miseensota mana maree bakka ummataarraa ka’eef deebii ibsa kennaa jiru.

Walgahiin idilee 11ffaa mana maree bakka bu’oota ummataa ministirri muummee Abiyyi Ahimad bakka argamanitii adeemsifamaa jira.

Ministirri muummee Abiyyi Ahimad deebii fi ibsa kennaa jiraniin “haalli nageenyaa amma jiru fooyya’aadha” jedhaniiru.

"Nageenya ilaalchisuun baatii jahan har’aa waliin walbiratti yemmuu ilaalamu haalli fooyya’aan jira, nageenya guutuu fiduuf hojii hedduu hojjechuutu barbaachisa, haata’u malee hojiin tarkaanfii tokko fuula duratti tarkaanfachiisu hojjetameera, akkuma waraanni dhaabateen battalatti nagana hinbu’u,waraanaan booda dhiibbaan jira” jedhaniiru.

Waggoota 50 fi 60 darban walbira darbuun siyaasaaItiyoophiyaa keessa ture, shirrii fi siyaasni abbaa irree akka ture eeraniiru.

Nageenyi barbaachisaadha jenneetu amanna kan jedhan ministirri muummee “nageenyi akka waraanaa gootummaa gaafata, hojiin waraann gadi hintaanedadhabbii gaafata” jechuun hubachiisaniiru.

Yeroo kamiyyuu nageenya wayita jedhamu lubbuu nama tokkoo oolchuunis waan ta’eef kanarratti hojjechuun akka barbaachisus ibsaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015