Itoophiyaan bishaan lafa jalaa kan tajaajila Jallisiif ooluu danda'u meetira kiyuubii biiliyoona 23 akka qabdu mirkanaa'eera

224

Bitootessa 19/2015 (TOI) :- Itoophiyaan qabeenya bishaan lafa jalaa meetira 30 hin caallerratti argamu kan tajaajila misooma jallisiif ooluu meetira kiyuubii biiliyoona 23 akka qabdu mirkanaa’uu Inistiitiyuutiin Tiraansifoormeeshinii Qonnaa beeksise.

Qabeenyi bishaanii Itoophiyaan qabdu yeroo ammaa lafa heektaara miiliyoona 6 jallisiin misoomsuuf humna kan qabu yoo ta'u, gara fuulduraatti lafa heektaara miiliyoona 11 misoomsuuf carraa akka qabdu eerameera.

Karoora hoggansa galmoota misooma Itoophiyaa waggaa kudhanii keessaatti damee misooma diinagdee galmaan gahuuf jiijjiiramni caasaa qonnaa hojii guddaa ta’ee dhiyaateera.

Qonni Itoophiyaa waqtii roobaarratti kan bu'uureffameefi oomishitummaa gad aanaa kan qabudha.

Malli qonnaa kun immoo Ce’umsa caasaa qonnaa irraa eegamu mirkaneessuun furmaata ijoo akka hin taaneefi misooma jallisiif xiyyeeffannoo kennuun barbaachisaa ta’uu karoora keessatti eerameera.

Kanaafis hidhaalee bishaanii xixiqqaa fi gurguddaa ijaaruun qabeenya bishaan lafaarraa fi lafa jalaa biyyattiin qabdu misooama jallisiif oolchuun sirnaan akka itti fayyadamu ni hojjeta.

Hojii gaggeessaan Inistiitiyuutii Tiraansifoormeeshinii Qonnaa Itoophiyaa Dr. Mandaafroo Nugusee TOItti akka himanitti, damee diinagdee qonnaa rooba eeguun hojjetamu irraa bilisa ta'e uumuuf hojjetamaa jira jedhaniiru.

Kanaanis roobaa waqtii tokko dhufu qofaa eeganii oomishurra gara misooma jallisiin waggaatti yeroo sadi oomishuutti ce'amaa jiraachuu himaniiru.

Milkaa’ina karoora misooma jallisii keessatti gahee olaanaa taphachaa kan jiru bishaan lafa irraa dabalatee bishaan lafa jalaa meetira 30 hin caalle irratti argamu fayyadamuun misooma jallisii fayyadamuuf qorannoon adda baafama jirachuu himaniiru.

Haluma kanaan bishaan lafa jalaa meetiraa 30 hin caallerratti argamuu danda'u meetirik Kuubii biliyoona 23 biyyattin qabachuun mirkana'eera jedhaniiru.

Dandeettii bishaanii kana sirnaan bulchuudhaan dargaggootaa fi dubartoota misooma jallisii xixiqqaa irratti hirmaatan fayyadamoo akka taasisus ibsaniiru.

Qabeenya bishaanii lafa irraa fi lafa jalaa amma qorannoon adda bahe kanaan haala amma jiruun hanga lafa heektaara miliyoona 6 misoomsuun kan danda'amu himaniiru.

Gara fuula duraatti immoo yeroo dheeraa keessatti qabeenya bishaanii sirnaan fayyadamuun hanga heektaara miiliyoona 11 misoomsuuf carraan akka jiru ibsaniiru.

Haala kanaan waggoota muraasa booda lafa heektaara miliyoona 14 biyyattii keessatti qonnaaf oolu keessaa harki caalaan isaa jallisiin ni misoomu jedhaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015