Galmeen baratoota qormaata biyyaaleessa kutaa 12ffaa bara kanaa fudhatanii Bitootessa   20 hanga Ebla15tti geggeeffama.

Bitootessa 18/2015 (TOI) :-  Galmeen baratoota qormaata biyyaalessa kutaa 12ffaa bara kanaa fudhatanii karaa toora Intarneetii Bitootessa 20 hanga Ebla 15 kan geggeeffamu ta'uu Tajaajilli Madaallii Barnootaafi Qormaatawwanii beeksise

Tajaajilli Madaallii Barnootaa fi Qormaawwanii galmee qormaata biyyaaleessaa kutaa 12ffa kan bara kanaa ilaalchisuun miidiyaaleef ibsa kennera.

Ibsa kana kan kennan Daarektarri Olaanaa Tajaajila Madaallii Barnootaa fi Qormaatawwanii dokatar Asheetuu Kabbadaa, galmeen barattoota qormaata biyyaalessaa kutaa 12ffaa bara kana fudhatanii Bitootessa 20 hanga Ebla 2015tti karaa toora intarneetii akka geggeeffamu beeksisaniiru.

Adeemsa galmee xumuruuf barattoonni qaamaan argamuu akka qaban ibsuun, waraqaa eenyummaa mana barnootaa isaanii qabatanii deemuunis dirqama ta’uu ibsaniiru.

Galmeen barattoota idilee fi galgalaa manneen barnootaa keessatti akka raawwatamus eeraniiru.

Akkasumas galmeen baratoota irra deebiin qoraamaticha qoramaniifi barattoota barnoota fagoon baratanii waajjiraalee barnootaa aanaa filatamanitti akka gaggeeffamu ibsaniiru.

Adeemsi galmee kun guyyoota eerman kana walitti aansuun guyyoota hojii kan raawwataman ta'uus himaniiru.

Manneen barnootaa kana hubatanii galmee kanaaf meeshaaleefi qabeenya barbaachisu hunda dhiyeessuu akka qabanis eeraniiru.

Qormaanni biyyaaleessa kutaa 12ffaa kan bara kana Yuunivarsiitiwwanitti kan kennamu ta'uus hubachiisaniiru.


Tajaajilichi barattoonni guyyaa murtaa’etti argamuun odeeffannoo sirrii guutuudhaan akka galmaa’anis waamicha dhiyeessee jira.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015