"Hojiin guddaan paartii badhaadhinaa fuuladuraa birmadummaa sirnaan fayyadamuun fi  bulchuurratti hojjchuudha- Ittiaanaa pirezidaantii paartii badhaadhinaa obbo Adam Faaraah

149

 

Bitootessa 18/2015 (TOI) - "Hojiin guddaan paartii badhaadhinaa fuuladuraa birmadummaa sirnaan fayyadamuun fi  bulchuurratti hojjchuudha jedhan ittaanaan pirezidaantii paartii badhaadhinaa obbo Adam Faaraah.

Waltajjiin ergama hooggantootaa wayitaawaa fi seena qabeessi mata duree “Injifanoowwan cimsuu fi qormaatilee cehuu” jedhuun qophaa’e guyyoota sadiif dhimmoota nageenya biyyaa, nageenyaa fi misoomaarratti adeemsifamaa ture kallattii kaa’uun xumurameera.

Ittaanaa pirezidaantii paartii badhaadhinaa fi ittigaafatamaan waajjira muummee Adam Faaraah xumura waltajjichaarratti argamuudhaan gaaffilee fi yaada haaggantoota hirmaattotarraa ka’aniif deebii fi ibsa kennaniiru.

Paartiin badhaadhinaa qaala’insa jireenyaa, carraa hojii uumuu, tajaajila mootummaa kennuu akkasumas dhimmoota nagaa fi nageenyaarratti xiyyeeffatee akka hojjetu ibsaniiru.

Paartiin badhaadhinaa hojmaata dhaabbilee qajeelfamarratti hundaa’e kan dursee jalqabe cimsee itti fufuun fudhatama paartichi ummata biratti qabu guddisuu fi dandeettii mootummaa cimaa uumuun akka barbaachisu eeraniiru.

Hooggansi kana cimsuuf tokkummaa ilaalchaa fi gochaa cimsuudhaan tokkummaa sabdaneessummaan walsimsiisuun yaada biyyaa walfakkaataaf humna ta’uu akka qabu kaasaniiru.

Yaadonni siyaasaa paartii badhaadhinaa bu’uura Itiyoophiyummaa kan qabanii fi rakkoolee bbiyyaa fi ummata keenyaa hiikuu akka danda’an gochuu, qabannaa mirgoota namoomaa guddisuu fi ummanni hirmaannaa siyaasaa fi misoomaa akkasumas fayyadamummaa guddisuun fudhatama qabu guddisuun akka barbaachisu ibsa taasisaniiru.

Walumaagala paartiin badhaadhinaa caasaasaa guutuu sakatta’ee hir’ina dandeettii dandeettii hoggansaa sirreessee, rakkoo keessoo yaalee fi karaa qajeelfamarratti hundaa’een hojjechuun jijjiirama biyyaa fi guddina biyyaa jalqabame ittifufsiisuuf fudhatama ummataa argachuuf hojjechuu akka qabu hubachiisaniiru.

Kanumaan wal qabatee birmadummaa akka biyyaatti dhufe fayyadamuun walqabatee hanqinni guddaan akka jiruu fi walabummaa kabajuu fi kabachiisuu ilaalchisee paartiin badhaadhinaa araarfannaaf akka hindhiheessine hubachiisaniiru.

Akka paartii biyya bulchuu tokkootti walabummaa sirnaan itti fayyadamuu fi gaggeessuu irratti hojjechuu akka qabu dabalanii ibsaniiru.

Akkasumas walabummaa paartii keessatti hojiirra oolchuun akka barbaachisuu fi hoggansii fi miseensi paartichaa walaba ta’ee dhiibbaa malee yaadasaa ibsachaa deemuu akka qabu dubbataniiru.

Akka biyyaatti dhaabbileen demokiraasii, dhaabbileen haqaa fi abbaa seerummaa walabaa fi ofdanda’uun hojiisaanii akka hojjetan hooggantootaaf kaasuusaanii odeeffannoon paarticharraa argame nimul’isa.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015