Sirna bulchiinsa qabeenya bishaanii qindaa'aa diriirsuun qabeenya bishaanii qisaasamaafi balfama irraa karaa bilisa ta'een fayyadamuun barbaachisaadha

146

Bitootessa 18/2015 (TOI) :- Sirna bulchiinsa qabeenya bishaanii qindaa'aa diriirsuun qabeenya bishaanii qisaasamaafi balfama irraa karaa bilisa ta'een fayyadamuun barbaachisaa ta'uuMinisteerri Bishaaniifi Inarjii beeksise.

Sirna bulchiinsaa fi itti fayyadama qabeenya bishaanii qindaa'aa ta'e diriirsuufis tattaaffiin taasifamaa akka jirus ministeerichi beeksiseera.

Waltajjiin marii hojiirra oolmaa karoora sirna bulchiinsa qabeenya bishaanii qindaa'aa irratti xiyyeeffate magaalaa Adaamaatti geggeeffamaa jira.

Waltajjicharratti kan argaman deetaan Ministira Bishaaniifi Inarjii Doktar Abrihaa Addunyaa akka himanitti, sirna bulchiinsa qabeenya bishaanii qindaa'aa diriirsuun qabeenya kana haala qisaasamaafi faalama irraa bilisa ta’een fayyadamuun gahee olaanaa qaba.

Qabeenya kana haala bu’a qabeessa ta’een dhaqqabamaa taasisuuf tajaajila misooma hawaasummaafi diinagdeef akka oolu hojjachaa jirra jedhaniiru.

Kanaafis karoora bu'uuraa waggaa 10 fi tarsiimoon waggaa shanii qophaa’ee hojiirra ooluu deetaan ministeerichaa beeksisaniiru.

Kuufamni qabeenya bishaanii lageenii biyyaattiin qabdu 12 keessaa 7 naannoo Oromiyaatti kan argamu ta'uu eeruun qabeenya bishanii kana karaa qindaa'aa itti fayyadamuun barbaachisaa ta'uu himaniiru.

Keessayyuu qisaasama, faalamaafi yeroo gara yerootti xiqqaachaa dhufuu haroowwaniifi lageen naannichaarra gahaa jiru hambisuuf

sirna qabeenya bishaanii qindaa'aa dirrisuun qabeenya bishaanii karaa haqa qabeessaafi wal qixa ta'een itti fayyadamuu keessatti gahee olaanaa qaba jedhaniiru.

Kana gochuu yoo kan hin dandeenye ta'ee qabeenya bishaanii kana tajaajila misooma hawasummaafi dinagdeef ooluchuun hin danda'amu jedhaniiru.

Deetaan Ministira Bishaaniifi Inarjii kun akka himanitti, sirni bulchiinsa qabeenya bishaanii yaa'aa lageeniirratti hojiirra oolaa jiruun itti fayyadama qabeenya bishaanii haqa qabeessa ta’e kan mirkaneessu ta’uu ibsaniiru.

Sirni bulchiinsa qabeenya bishaanii qindaa'aa yaa'awwan lageen akka Abbayyaa, Awaash fi Rift vaaliy keessatti hojiirra ooluu isaas eeraniiru.

Yaa'awwan lageen akka Oomoo, Gibee, Gannaalee, Dawaanaa fi Shabalee gara sirna bulchiinsa bishaanii qindaa'aa kanaatti galchuuf ogeeyyii damee kanaan qorannoon gaggeeffamaa akka jirus ibsaniiru.

Bakka bu’aan Biiroo Bishaanii fi Inarjii Naannoo Oromiyaa obbo Tashaalee Baqqanaa, qabeenya bishaanii haala bu’a qabeessa ta’een eeguu fi kunuunsuun barbaachisaa ta’uu ibsaniiru.

Sirni bulchiinsa bishaanii qindaa'aan walitti qisaasama bishaanii fi faalama hir’isuu akkasuma nageenya qabeenya bishaanii naannichaa mirkaneessuu keessatti gahee bakka hin buune qabas jedhaniiru.

Sirna bulchiinsa qabeenya bishaanii qindaa'aa kan lafa jalaa fi lafarraa diriirsuun barbaachisummaa guddaa akka qabu ibsaniiru.

Waltajjicharratti Ogeeyyii fi ittigafatamtoonni godinaalee Oromiyaa hundaa hirmaataniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015