Ayyaana Faasikaaf zayitii nyaataa liitira miiliyoona 7 ol dhiheessuuf qophaa’uusaa saa waldaan dhuunfaa Fiibellaa Industiriyaal ittigaafatamnisaa murtaa’e ibse

125

Bitootessa 18/2015(TOI) - Ayyaana Faasikaa dhufuuf zayitii nyaataa liitira miiliyoona 7 ol dhiheessuuf qophaa’uusaa waldaan dhuunfaa Fiibellaa Industiriyaal ittigaafatamnisaa murtaa’e beeksise.

Hojii raawwachiisaan waldaa dhuunfaa Fiibellaa Industiriyaal Ittigaafatamummaansaa murtaa’ee Injiinar Inniyaw Waasee TOIf akka ibsanitti, warshaan zayita nyaataa waldicha jala jiru Zayitiiwwan Paalmii fi Suufii gabaa biyya keessaaf dhiheessuun hawaasa fayyadaa jira.

Baatiiwwan darban zayitii paalmii liitiroo miiliyoona 100 ol oomishuun akkaataa qoodama mootummaan dhiheessuun naannolee addaddaaf raabsuusaa dubbataniiru.

Ayyaana Faasikaa dhufuufis gatii madaalawaan hawaasa qaqqabsiisuuf zayitii Paalmii miiliyoona 3 olii fi zayitii suufii liitiroo miiliyoona 4 ol dhiheessuuf qophaa’aa akka jiru Injiinar Iniyaaw ibsaniiru.

Zayitiin Paalm karaa raabsitootaa naannoleef akka raabsamu eeraniiru.

Wayita ammaa warshichi hojjettoota dhaabbataa fi yeroo kuma 1 fi 500f carraa hojii uumuusaa Injiinar Inniyaw itti dabalanii ibsaniiru.

Biiroo daldalaa fi misooma gabaa naannoo Amaaraatti daarektarri dorgommii daldalaa eegumsa shamattootaa fi hordoffii dhiheessii meeshaalee daldalaa bu’uraa obbo Taaffaree Yemar akka jedhanitti, naannichatti baatii muraasaan dura dhiheessiin Zayitaa hir’ina guddaa qaba ture.

"Deeggarsi mootummaan gatii zayitaarratti taasise akka jirutti ta’ee Zayitiin Fiibellaa gabaaf dhihaachuunsaa rakkoon oomishaa akka hinjiraannee fi gatiinsaas akka tasgabbaa’u gumaacha olaanaa taasisaa jira” jedhaniiru.

Warshichi dargaggoota eebbifamaniif carraa hojiisaa uumuu kan ibsan ammoo warshichatti carraa hojii kan argatan Injiinar Tinsaa’ee Tasfaa fi dargaggoo Simany Kindeedha.

Injiinar Tinsaa’ee Tasfaa Industiriyaal Injiinariingiin eebbifameeW kana keessatti qindeessaa kutaa saliixaa ta’uun hojjechaa kan jiru yoo ta’u, erga Warshaan kun hundaa’ee kaasee hojjechaa akka jiru ibseera.

Dargaggoo Simany waggaa lamaa ol Warshaa kana keessatti qacaramtee hojjechaa akka jirtu eertee Warshaan kun ishee fi hiriyootashee abdii kutannaa jalaa akka baase dubbatteetti.

Waldaan dhuunfaa Fiibellaa Industiriyaal ittigaafatamnisasa murtaa’e erga hojii jalqabee waggaa lama akka ta’e beekameera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015