Diinagdee dijitaalaa hunda hammate uumuuf beekumsaa fi dandeettii guddisuu irratti hojjechaa jirra

728

Bitootessa 18/2015 (TOI) :- Itoophiyaan diinagdee dijitaalaa hunda hammate uumuuf beekumsaa fi dandeettii irratti xiyyeeffachuun hojjechaa jiraachuu ishee himame.

Guyyaan Dubartoota Idil Addunyaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniitti Komishiniin Diinagdee Afrikaa akkaataa itti fayyadama dinagdee dijitaalaa dubartootaa guddisuu danda'amurratti mariyachuun kabajameera.

Marii kanarratti deetaan Ministira Innooveeshinii fi Teeknooloojii Huriyaa Alii riifoormii damee telekoomii Itoophiyaatti fudhatamaa jiru ibsaniiru.

Itoophiyaan hojiirra oolchaa kan jirtu Sagantaa dijitaalaa bara 2025 keessatti dubartoonni teeknooloojii sadarkaa barbaadamuun akka hin fayyadamne waantoota taasisan keessaa hanqinni dandeettii fi beekumsa dijitaalaa ta’uu ibsaniiru.

Kanaaf dandeettii dijitaalaa dubartootaa guddisuuf hojiiwwan ogummaa fi beekumsa irratti xiyyeeffatan hojjechuudhaan diinagdee hunda hammate uumuuf tattaaffiin taasifamaa jira jedhaniiru.

Garaa garummaa beekumsa dijitaalaa dubartootaa fi dhiirota gidduu jiru dhiphisuuf qorannoon biyyaalessaa gaggeeffamaa akka jirus ibsaniiru.

Argannoo qorannichaa irratti hundaa’uun tooftaa bocuun dubartoota fayyadamoo taasisuuf ni hojjanna jedhaniiru.

Dhaabbaata Mootummoota Gamtoomaniitti Komishiiniin Dinagdee Afrikaa bakka bu'uun waltajjichiarratti kan argaman dhaabbatichi karoora dijitaalaa bara 2025 Itoophiyaan qabattee jirtu galma ga’uuf akka deeggaru ibsaniiru.

Sadarkaa idil addunyaatti dinagdee dijitaalaa handa hammate uumuun dhabuun dubartoonni miliyoonaan lakkaa’aman tajajila interneetii akka fayyadamaa hin jirre himameera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015